Alaa fi Keessaan Roorroon Nutti Hammaattus,Injifannee Irra Ni Aanna!!!

Gabrummaan hammaannaan,Roorroon Oromoo irra bubbuluu irraan Ilmaan Oromoo biyya irratti dhalatanii guddatan gadhiisanii baqachuun dirqii itti ta’e. Biyya baqatanittis roorroon irraa hin hafne reebamuu, ajjeefamuu,hidhamanii guraaramuu,qabeenya samamuu fi dirqiin gudeedamuu akkasumas akka bineensaatti adamfamanii diinatti kennamuun isaan mudachaa jira. Video n kun dhihoo baqattoota Oromoo biyya Yeman gahan irratti hammeenya raawatamaa jiru muldhisa. Oromoon biyyoota Kaaba Ameerikaa,Auroppaa fi Australiyaa jiraattan kanaa fi hammeenya kana caalaa Oromiyaa keessatti ta’aa jiru arguun garaa maaltu isin ciisaa?? Kana irras maal taanaa?

1 thought on “Alaa fi Keessaan Roorroon Nutti Hammaattus,Injifannee Irra Ni Aanna!!!

Leave a reply to nagesof@gmail.com Cancel reply