Ebla 04,2012, Amboo
Diddaan barattoota Amboo jabaachaa dhufe.Ilmaan habashaa maadheelee Wayyaanee kanneen ta’anii yuunivarsiitii Amboo keessaa barattootni Oromoo nagaa keenyaaf sodaachisaa dha jedhanii akka iyyannoo mootummaa Wayyaaneetti galfatani taasisan.
Barattootni Oromoo yuunivarsiitii Amboo nuyi gaaffiin keenya akka nuuf deebi’uuf carraaqna malee ilma namaa irraa rakkoo hin qabnu, kanaaf iyyannoon Habashoonni iyyatan jedhamee humni waraana mooraa University Ambootti dabaluun karaa miti kan jedhu bulchiisaa yuuniversitichatti iyyatanii jiru.
Haala kanaan bulchitooti mootummaa wayyaanee barattoota Oromootti akeekachiisa haakennu iyyuu malee waraaqxonni gaaffii mirgaa kaasan akka itti fufanitti jiru. Walumaa galatti yeroo ammaa kana diddaan guutuu Godina Shawaa lixaa keessatti kan jabaate mootummaan wayyaanee Waraana halkanii fi Guyyaa bobbaasuun uummataa fi barattoota meeshaan doorsifamaa akka jiranis ni beekama.
Diddaan oromiyaa guutuufi ollaashiitti babal’achuu qaba. Qabsoon ummata oromoo ummata ka biraa akka hinmiine walamanteen akka uumamu hojjechuu qabna. Woyyaanee qofa kuffisuuf akk qabsoofni ummata biraaf ifa ta’uu qaba.
IJOOLLEE EGAA KAA’AA FEEXXA DIINNAA KEESAANI