Waraanni Wayyaanee Universitylee Keessatti Bobba’uun Doorsisa Itti Fufe.

Ebla 1.2012 Jimmaa,

Waraanni mootummaa Wayyaanee sodaa diddaa Qeerroof yuunivarsiitilee garaa garaa keessatti bobba’e barattoota irratti goolii uumaa jira.Waraanni mootummaa wayyaanee Yuunivarsiitii Jimmaa fi Magaala Jimmaatti bobba’e barattoota yuunivarsiitii Jimmaa bakkeewwan isaan deemanitti waraanuun  olola uummata Kuulloo jedhamutu isin waraanaa jira jechuun uummata walitti buusuuf shira guddaa xaxaa jira.Waraanni Mootummaa wayyaanee uummata walitti buusuuf shirri xaxe qorannoo qeerroon kan saaxilamee barattoota maraan kan beeksifame yoommuu tahu yeroo ammaa kana yuunivarsiitii Jimmaa keessatti barattootni nagaan sadii basaasota Wayyaaneen kan waraanaman yoommuu tahu Barataan Daani’eel Mokonnin jedhamu kan sociology waggaa 2ffaa baratu waraana Wayyaanee bobbaafameen waraanamee jira. Qeerroon Jimmaa shirri mootummaan Wayyaanee amantiilee walitti buusuu fi uummata nagaa walitti buusuuf deemu bittaa umrii isaa dheereffachuuf tahuu hubachuun sagalee keenya bakka jirruu wal qabannee akka dhageessisnu jechuun dhaamu.

1 thought on “Waraanni Wayyaanee Universitylee Keessatti Bobba’uun Doorsisa Itti Fufe.

  1. Waraana wayyaanee keessaa eenyu akka kana godhu akkasumas baastota ragaa wajjin miidiyaa irratti saaxilbaasuun tarkaanfii irratti fudhachuuf nutti tola.
    OLA member

Leave a reply to obsaa Cancel reply