Barattootni Yuunivarsiitii Gondar Gaaffiin Mirgaa Kaasan.Hojjettoonni Warshaa Huccuu Sabbataas Hojii Dhaaban.

Bitootessa 30,2012 Finfinnee
Gaaffii mirgaa barattootni yuunivarsiitii Finfinnee Damee Bishooftuu Faculty Veternary Medicine gaafatan gaaffii mirgaa fi bilisummaa hojii dhabdummaan biyyattii keessaa haa dhaabbatu kan jedhu waan taheef gaaffii keenya jechuun barattootni yuunivarsiitii Gondar Faculty Veternary Medicine barnoota dhaaban.Hojii dhabdummaa biyyattii keessatti babal’atee fi manneen barnootaa dhaabbiilee siyaasaa keessaa bahuu qabu jechuun barattootni kun gaaffii dhiyeessaniif deebii waan dhabaniif barnoota dhaabanii jiru.Barattootni kunneen walii galtee fi tokkummaan barnoota waan dhaabaniif mootummaan Wayyaanee cinqii guddaa keessa bu’ee jira.Barattoota miseensa OPDO fi dhaabbiilee siyaasa ishee deeggaran wal gahiin waamee kadhaa fi mariin barnootatti deebisuuf yaalus milkaa’uu hin dandeenye.Diddaan biyyattii keessaa hanga bilisummaa jabaatee itti fufuus qeerroon yuunivarsiitii Gondar gabaasee jira.
Gama kaaniin Bitootessa 29,2012 Hojjettootni waarshaa Huccuu Sabbataa kanneen miidhamuunii fi lafti ilmaan Oromoo alagaa gabbisuu irraa kan ka’e uummatni waarshaan huccuu kun akka buqqa’u gaafatan.Mootummaan Wayyaanee gaaffiin kun gaaffii ABO ti jechuun Waraana Federaala bobbaasee uummata reebaa jira.Hojjettootni waarshaa kanaa hedduun miidhamanii gara Hospitaalaa seenanii jiru.Uummatni naannooo waarshaa kanaa lammiiwwan alagaa Turkii fi hindoota bakkeewwan bultii dhorkuun magaala sana keessaa baasee jira.Lammiiwwan alagaa kun mootummaa Wayyaanee waliin qabeenya ilmaan Oromoo barbadeessaa kan jiran jechuun uummatni magaala keessaa baasee jira.Dargaggootni magaala kanaas hojjettoota waarshaa qabatanii waarshaan kun guutummaan guutuun hojii akka dhaabu taasisanii jiru.Lubbuu ilma namaa bahee fi miidhama qaamaaf mootummaan Wayyaanee itti gaafatamummaa akka fudhatu qeerroon dhaammatee jira.

Leave a comment