Hojjettootni Waarshaa Huccuu Azeeb Masifn Kan Sabbataa Jiru shan du’an,kaan caccaban!‏

Bitootessa 29.2012 Finfinnee

Warshaan Huccuu Walii galtee Mootummaa Wayyaanee Haadha Manaa  Mallas Azeeb Masfinii fi Investeroota Turkey dhaan Godina Shawaa Lixaa Aanaa Sabbataa Hawaas Alam ganaa ganda 02 keessatti argamu ALKE TEXTILE SHARE COMPANY jedhamu hojjettoota irratti miidhaa dhaqqabsiise.Warshaan kun lafa ilmaan Oromoo mijataa fudhachuu irraan darbee habashoota qacaruun kan beekamu yoommuu tahu guyyaa har’aa Bitootessa 28,2012 humna elektrikii waarshaa sana keessaa dhabamsiifameen hojjettootni  kanatti shakkamuun akka sakatta’aman yoommuu dirqisiifaman karaa itti cufuun hojjettootni hedduun madaa’aanii shan ammo lubbuun darbanii jiru.

Hojjettootni 60 ol yeroo ammaa ambulaansiidhaan gara Finfinneetti kan fudhataman yoommuu tahu miidhaa jabaan cabinsii fi meeluun isaan dhaqqabee jira.Miidhaa ilmaan namaa kana irra gahaa jiru itti gaafatamaan mootummaa Wayyaanee akka tahu Addunyaan akka birmatu taasisuun qooda sabboontotaati.

 

1 thought on “Hojjettootni Waarshaa Huccuu Azeeb Masifn Kan Sabbataa Jiru shan du’an,kaan caccaban!‏

  1. Warshaa wayyaanee oromiyaa keessa jiru mara irratti tarkaanfiin manaasuu in fudhatama. Injifannoon ummata oromoof!!!!

Leave a reply to obsaa Cancel reply