Bitootessa 29.2012 Finfinnee
Warshaan Huccuu Walii galtee Mootummaa Wayyaanee Haadha Manaa Mallas Azeeb Masfinii fi Investeroota Turkey dhaan Godina Shawaa Lixaa Aanaa Sabbataa Hawaas Alam ganaa ganda 02 keessatti argamu ALKE TEXTILE SHARE COMPANY jedhamu hojjettoota irratti miidhaa dhaqqabsiise.Warshaan kun lafa ilmaan Oromoo mijataa fudhachuu irraan darbee habashoota qacaruun kan beekamu yoommuu tahu guyyaa har’aa Bitootessa 28,2012 humna elektrikii waarshaa sana keessaa dhabamsiifameen hojjettootni kanatti shakkamuun akka sakatta’aman yoommuu dirqisiifaman karaa itti cufuun hojjettootni hedduun madaa’aanii shan ammo lubbuun darbanii jiru.
Hojjettootni 60 ol yeroo ammaa ambulaansiidhaan gara Finfinneetti kan fudhataman yoommuu tahu miidhaa jabaan cabinsii fi meeluun isaan dhaqqabee jira.Miidhaa ilmaan namaa kana irra gahaa jiru itti gaafatamaan mootummaa Wayyaanee akka tahu Addunyaan akka birmatu taasisuun qooda sabboontotaati.
Warshaa wayyaanee oromiyaa keessa jiru mara irratti tarkaanfiin manaasuu in fudhatama. Injifannoon ummata oromoof!!!!