Hidhaa fi Ukkaamsaan Heddummaatus Diddaan Ummata Oromoo Jabaatee Itti Fufe.

Bitootessa 29.2012, Qeerroo Naqamte

Diddaan barattootaa fi ummata Oromoo naannoo Godina Wallagga Bahaa erga walitti fufiinsaan eegalee baatii hedduu lakkoofsisee jira, baatii bitootessaa kana keessa ummanni baadiyaa jiraatu guutuutti bulchiisa Wayyaanee of irraa ari’uun akka aadaa Oromoo maanguddoota qe’een bulaa akka jiru odeessi naannicha irraa nu gahe addeessa. Haala kanatti hedduu kan baarage Wayyaaneen humna waraanaa karaa Matakkal galchuun dargaggootaa fi Oromoota naannoo waliin wal dura dhaabbachuun miidhaa guddaa geesssisaa yoo jiraatan ille fincilli itti fufee jira.

Diddaa ummataa kana dura dhaabbachuu kan dadhabe Mootummaan Wayyaanee diddaa Godina Wallaga bahaa keessatti itti jabaate dhaabuuf dargaggoota Oromoo mana hidhaatti guuruu jalqabe. Akka kanaan Bitootessa 27,2012 Godina wallaggaa bahaa Aanaa Limmuu keessatti dargaggootni Oromoo
1.Faqqadaa Moosisaa fi
2.Ayyalaa Gammachuu

jedhaman tika mootummaa Wayyaaneen qabamuun bakka buuteen isaanii dhabamee jira.Mootummaan Wayyaanee diddaa itti jabaate dhaamsuuf uummata Oromoo mana hidhaatti guuraa jiraatus diddaan daran jabaachuu qeerroon ifa godha.

2 thoughts on “Hidhaa fi Ukkaamsaan Heddummaatus Diddaan Ummata Oromoo Jabaatee Itti Fufe.

Leave a reply to Jemal ahmednoor Cancel reply