Bitooteessa 25,2012 Naqamte
Fincilli diddaa gabrummaa itti fufuu irraan barattooti Oromoo University Wallagaa muummee afaan Ingilixii wagaa 3ffaa baratan gaaffiin mirgaa ummata Oromoo hanga deeni’uu fi barattooti ammaan dura muummee barnootaa kana keessaa sababaa tokkoon malee mana hidhaatti geefaman hamma deebi’anitti barnoota hin eegallu jechuun sagalee isaanii dhageessisan.
Sabboontota Oromoo mooraa University sanii maraaf waamicha FDG kan godhan barattooti kun Qeerrooleen magaalaa Naqamtee fi manneen barnootaa adda addaa keessaa qabamanii hidhaman guutuutti akka gadhiifamuu qabanii fi ummanni Oromoo walii gallis ilmaan isaa gara malee hidhamaa jiru kanaaf birmannaa akka godhu waamicha dhiheessaniin beekamee jira.
Waraqaan fincila diddaa gabrummaaf waamicha Qeerroon Oromiyaa guutuu keessa tamsa’aa jiru kunis magaalaa Naqamtee fi University Wallaggaa keessatti bal’inaan raabsamaa akka jiruu fi barsiisonni Oromoos kana argatan gammachuu akka irraa qaban ibsataa jiraachuu gabaasi qeeroo naannicha irraa nu gahe addeessa.
Kana malees sabboontota basaasuuf kanneen TPLFn ramadaman hojii diinummaa akkasii hin dhaaban yoo ta’e tarkaanfii gara kuteenyaa akka fudhatamuuf deemu barattoonni cimsanii beeksisaniiru.Basaastota ergama dinaaf bobba’anii maallaqaan ilmaan Oromoo nyaachisaa jiran kanarraas akka of qusatan ergaa dabarsatanii jiru. Akkuma kanaan basaastotni diinaa kunis barataa Fiqaaduu Mirkanaa muumee gaazexeesumaa waggaa 3ffaa fi Abdii Muummee teknolojii waggaa 5ffaa dafanii ergama diina bobba’an irraa yoo hin deebine haala hin beekamnee fi yeroo hin beekamnetti tarkaanfiin sirreessaa akka irratti fudhatamu barattooti beeksisanii jiru.
Fincilli amma eegalame kun kan durii irraa jabaa ta’ee hanga galma keenya geenyutti akka itti fufu gochuuf:
1ffaa. Gantoota keessaa fi basaastota utuu walirra hinkutiin hordofuu
2ffaa. Namoota oromoo irratti yakka dalagan saaxilbaasuu;ragaa waliin
3ffaa. Qabsichi gara ummata biraatti fkn qonnaan bultootaa fi hojjettoota mootummaatti akka babal’atu gochuu
4ffaa. Qabsoo keenya butuuf/hijack/ gochuuf sobaan nutti tumsa fakkeessanii nutti makamuun dhuma irratti taayitaa qabachuuf kan adeeman jiraachuu waan dandaa’aniif ejjennoo keenya kophaatti adda baafannee qabachuu qabna. Mee kaayyoon qabsoo qeerroo amma ta’aa jiruu maali? 1,2,3,… jedhamee lafa taa’ee jira? Ummanni oromoo fi addunyaa gaaffilee kana sirriitti beekaa? Kanaaf kaayyoo qabsoo keenya dura quilqulleessinee ifa goone keewwachuu qabna.
5ffaa. Akkuma haala yaroon hayyamuutti tooftaa fi tarssiimoo qabsichaa jijijjiraa adeemuu qabna. Hoggansi saayinss fi malaan guutuu ta’e jiraannaan sochiin/warraqqsi kun yaroo gabaabaa keessatti bilisa nu baasuu dandaa’aa.
6ffaa. Gochi ibiddaan qabeenya diinaa mancaasuu ittifufuu qaba.