Diddaan Oromoo, Wayyaanee Mudde

(Qeerroo, Bishooftuu, 21/03/12) Gaaffiin ilmaan Oromoo gaaffiin bilisummaa fi abbaa biyyummaa hanga deebii argatutti barnoota hin barannu jechuun barattootni sabboontotni Oromoo yuunivarsiitii Finfinnee Damee Bishooftuu barnoota dhaabanii jiru.

Gaaffiin isaanii gaaffii mirgaa kan tahe barattootni kun ilmaan Oromoo garbummaa jalatti buluu hin qabu jechuun barnoota dhaabanii jiru. Hojjettootni yuunivarsiitii kanaas diddaa Qeerroon itti jirutti gammaduun hojii dhaabanii jiru.

Gaaffiin barattoota kanaa
1.Mootummaan garboomfataa maaliif aangoo hin gadhiisu
2.Gaaffiin ilmaan oromoo maaliif deebiin isaa hidhaa fi ajjeechaa taha
3.OPDOn maaliif yuunivarsiitii keessatti ijaaramee wal gahii gaggeessu
4.Wal qixxummaan sabaa fi amantiilee biyyattii keessatti maaliif hin kabajamu
5.Hojii dhabdummaan maaliif biyyattii keessaa hin dhaabbatu kanneen jedhan fa’i ti.
Mootummaan wayyaanees barattoota hanga bilisummaa hin barannu jedhan humnaan barsiisuuf tikaa fi basaastota yuunivarsiitii kanatti heddummeessee jirus Qeerroon Oromoo diddaa jabaatee itti jira.

Waraanni federaalaa fi Poolisiin yuunivarsiitii kana meeshaa guutuun tiksaa jira. Diddaan keenya hanga bilisummaa kan tahee fi barattootni oromoo marti akka ni cinaa dhaabbatan jechuun dhaammatanii jiru.

Warraaqsa biyyattii keessatti galmaan geenya kan jedhan barattootni yuunivarsiitii Finfinnee Damee Bishooftuu barsiisota isaanii qabachuun OPDOn yuunivarsiitiidhaa bahuu qaba jedhan.

Gaaffiin mirgaa barattootni gaafatan mootummaa wayyaaneetti yaaddoo guddaa tahee jira. Haala kana irratti guyyaa har’aa Miseensota OPDO yuunivarsiitii Finfinnee mootummaan wayyaanee waamtee mariisistus hin milkaa’iin hafee jira.

Yaaddoo guddaa irraa kan ka’es mootummaan wayyaanee tika ishee yuunivarsiitii Finfinnee damee hundaa keessa dhoksaan bobbaasuun bira gahamee jira. Barattootni kunneenis gaaffiin keenya hanga nuu deebi’u diddaa hin dhaabnu jechuun miseensota OPDOtti ifaan dubbachaa jiru!

(Qeerroo, Naqamtee, 21/03/12) Diddaan ummataa jabaachuu irraan kana ka’e Ilmaan Oromoo Godina Wallaggaa bahaa Aanaa Haroo Limmuu bakka Sagiroo jedhamutti milishoota gandaa waliin Federaala wayyaaneetti dhukaasa banan.

Gabaasaan keenya akka ibsetti, ilmaan Oromoo kunneen hidhattoota mootummaa wayyaanee  lafa Oromiyaa naannoo Benishaanguliif kenname mirkaneessuuf  dhufan irratti dhukaasaanii akka deebi’an godhanii jiru.

Kana malees, qabeenyi Investera Addish barbadaa’uu irraan wal qabatee Investerri Habashaa kun Qeerroo Oromoo qabsiisuuf yaaluus dura taa’aa fi barreessaan gandaa milishoota gandaa waliin ta’anii hidhattoota mootummaa wayyaanee rasaasaan dura dhaabbatanii milkii malee hambisanii jiru.

Ergamtooti  mootummaa wayyaanees Dura taa’aa gandaa fi Barreessaa gandaa Obbo Gammachuu Ayyaanaa jedhamu qabanii doorsisaa oolanis dura taa’aa fi barreessaan gandaa kunneen Oromummaa keenyaaf yoomuu hin jilbeeffannu jechuun federaala wayyaanee qaanessanii jiru.

Diddaan ummataa kun haaluma walfakkaatuun Walisoo, Jimmaa, Amboo,  Horroo, Limmuu keessattisjabaatee itti fufee akka jiru gabaafamaa jira.

Kana biraan, yeroo ammaa kana wayyaanee dhabdee biyya keessaa ishii mudatee fi diddaa ummataa itti jabaate irraa yaada ummataa jijjiiruuf olola kijibaa fi doorsisa waraanaa labsaa akka jirtu Qeerrooon dhaame.

Qunnmatiin Qeerroo akka hubachiisetti, Qeerroon Oromiyaa olola diinaaf gurra otuu hin kennine kaayyoo fi akeeka isaanii irratti cichanii hojjachuu qaban.

Wayyaaneen yeroo dhibdeen biyya keessaa ishii mudate, biyyoota ollaa irratti lola banaa turuu kan yaadachise Qeerroon, “Qeerroon Oromoo Bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaaf malee aangoo wayyaanee tursuuf waraana kamuu keessatti lubbuu isaa dabarsuu hin qabu!” jedhee jira.

2 thoughts on “Diddaan Oromoo, Wayyaanee Mudde

  1. QABSOON AMMA EEGALAME KUN BIFA BILCHINAAN GUUTAMEEN CIMEE KAN ITTIFUFU MALEE HAR’A MUL’ATE BOR KAN DHAAMU TA’UU HINQABU. HAGA AMMAATTI DUULLI GOCHAA TURRE YAROO MURTAA’AAF TUREE BOODA KAN DHAAMU TURE. WAANTI AKKASII UMMATA ABDII KUTACHIISUU WAAN DAND’UUF BIFA WALIRRAA HINCINNEEN ADEEMUU QABA. ITTIFUFINSA YAROO QOFA UTUU HINTAANE IDDOO ISAAS BABAL’ISUU QABNA. YOO AKKANA TA’E DIINNI KEENYA BAASII QABEENYAAS HEDDUU WAAN BAASTUUF KISAARAA IRRA GEESSISUU DANDEENYA. OROMIYAA KEESSA QOFA UTUU HINTAANE OLLAA OROMIYAATTIS HAALA BABAL’ATU UUMUU QABNA. TUMSA JECHUUN ISA KANA MALEE, GINBOOT TORBA JALA GALUU MKITI.

  2. Qeerroon yeroo basaastonni wayyaanee mooraa manneen barmootaa guguddaa keessa galchuu ishee quba qabaatu tooftaa quunnamtii fi sochii jijijjiiruu qabu. Wayyaaneen yeroo fudhattee yoo mataa sochii dhabde calliftee sodaairraan kan ka’e barattoota walitti qabdee hiiti. Kanaaf, sochii fi wal-quunnamtii ciccitaa ta’e fayyadamuudha, bilbila mobilaatiin wal-quunnamuu dhiisuu/hir’isuu keessattuu qindeessitooti sochii.

Leave a reply to Didaa Cancel reply