WBO Dura Dhabbachuuf Humna Waraanaa Wayyaaneen Bobbaafte Keessaa Konkolaataan Tokko Asoosaa,Mo’aa Komootti Galagalee Miidhaa Geessise

 (Qeerroo, Asoosaa, 19 Bitootessa 2012) Mootummaan wayyaanee sodaa qeerroo irraa kan ka’e waraana naannoodhaa naannootti bobbasuun ilmaan Oromoo doorsisaa jira.Hojjettoota mootummaas isin farra nageenyaati kanaaf ceephuu buufadhaa jechuun rakkisaa jira.Haalli Hojjettoota Oromoo Beenishaangul Gumuz irratti raawwachaa jirus kanuma raga baha.

Naannoo Beenishaangul Gumuz keessatti mootummaan Wayyaanee leenjii guyyaa 45 maqaa jedhuun hojjettoota ceephuu buufadhaa jechuun rakkisaa yeroo jiranitti.Hojjettootni Oromoos dirqamni keenya hojii malee siyaasa gaggeessuu miti jechuun jaleewwan Wayyaanee mataa dhukkubsaa akka jiran gabaasi Asoosaa irraa nu gahe addeessa.

Haala kanaan wal qabatee mootummaan wayyaanee sodaa Waraanni ABO seena jedhu irraa kan ka’e federaalota naannoodhaa naannootti bobbaasuun ABO barbaadaa jira jechuun ummata goolaa akka jiru beekame.

Kanuma waliin sochii ABO karaa dhiha Oromiyaa dhufee jira kan jedhuun baaragee mootummaan Wayyaanee waraana daandaa Asoosaa fi naannoo Mandii jedhamutti guuraa osoo jiruu Konkolaataan federaalaa bakka Maa’oo Koomoo jedhamutti galagaluun waraanni federaala Wayyaanee sadii caccabanii hojiin ala tahanii jiru.Yeroo ammaa kanas Hospitaala Asoosaa keessatti yaalamaa kan jiran yommuu ta’u .Sodaa ABO maqaa jedhuun bakka tokko irraa bakka tokkotti oso nu fiigsanii fi nu bobbaasanii mudati balaa akkasii nu dhaqabe,kana irra gahuu keenya irra ammoo osoo ABOtti makamnee umataaf waa hojjenne ta’e wayya jechuun waraanni hospital Asoosaa keessattis Waraanni federaalaa ragaa bahanii jiru.

2 thoughts on “WBO Dura Dhabbachuuf Humna Waraanaa Wayyaaneen Bobbaafte Keessaa Konkolaataan Tokko Asoosaa,Mo’aa Komootti Galagalee Miidhaa Geessise

  1. Qeeroo Oromo jabaadha, moohiinsi keesani, kufiinsi gabroonfata ilmaan Tigray, fagoo miti, ummanni oromo isin booda jira. Injifannoon

    ,qeeroo, isin jaallana.

Leave a reply to amin Cancel reply