University Jimmaa Keessatti Barataa Political Science kan ta’e Girmaa Nagaasaa Ma’ikalaawiitti Darbame

(Qeerroo, Finfinnee, 19 Bitootessa 2012) Dargaggoo barataa Girmaa Nagaasaa umurii isaa  xiqumaa irraa eegaluun qooda Oromummaa isaaf kennaa ture guddaa ta’u iyyuu yeroo mana barumsaa sadarkaa lammaffaa turetti sababaaa fincila didda gabrummaan wal qabatee yeroo adda addaatti mana hidhaa Ma’ikalaawwiitti fi qaallittii keessatti waggaa 3f  umurii isaa malee hidhamaa ture. Yeroo mana hidhaa keessa turettis dararamaa fi reebichi akkaanii irraan miidhamee hdihaa keessaa darbame.

Barataa Girmaa Nagaasaa

Barataa Girmaa Nagaasaa

Mana hidhaa M’ikalaawwii keessaa bara 2011 bahee barnoota isaa Jimmaa Universiy keessatti itti fufuu eegale,ammos marraa kana dargaggoota Oromoo ykn Qeerroo Bilisummaa ijaaruun mootummaa irratti kakaafteetta sababaa jedhuun qabamee mana hidhaa Ma’ikalaawwiitti darbamee jira.

Akkuma odessa keenya darbe irratti addeessinetti dargaggoonni hedduun maqaa Qeerron qabamanii mooraa mana hidhaa Ma’ikalaawwii keessatti dararamaa jiru. Addatti barataa Girmaa Nagaasaa fi kanneen hafan irratti Baatii Sadaasa yeroo adda addaatti mootummaa Wayyaaneen seeraa ala dararamaa akka jiran gabaasi Ma’ikalaawwii irraa nu gahe ni addeessa.

1 thought on “University Jimmaa Keessatti Barataa Political Science kan ta’e Girmaa Nagaasaa Ma’ikalaawiitti Darbame

  1. Dargaggoon oromoo gocha diinaaf hinjilbeeffannu. Ajjeechaaf hidhaan gabrummaa ameen jennee akka fudhannu nu hintaasisu. Gumaan gidiraa ilmaan oromoo nuun deebiti. Basaastota woyyaanee ijoollee oromoo dabarsanii kennan eenyuifaa akka ta’an saaxiluun itti haafufu.

Leave a reply to obsaa Cancel reply