Sabboontonni Oromoo University Madda Walaabuu Warraaqsa Daran Jabeessuuf Murteeffatan

Bitootessa 11,2012

Warraaqsa Biyyattii keessatti jalqabe galmaan gahuu irratti sabboontotni Oromoo yuunivarsiitii Madda Walaabuu marii gaggeessan.Marii isaanii keessattis humni nama baratee qabsoo galmaan gahuu keessatti qooda guddaa fudhachuu akka qabu erga wal hubachiisanii dirqamni cimaan akka isaan irra jiru lafa kaa’anii jiru.Qeerroon qabsoo Oromoo boqonnaa haaraatti tarkaanfachiisaa akka jiru erga dubbatanii haala qeerroo waliin tarkaanfachuu danda’an irrattis marii gaggeessuun tika qeerroo fi qeerroowwan diddaa qindeessan koree qindeessituu diddaa filatanii jiru.

Qeerroon yuunivarsiitii kanaa galii mootummaan Wayyaanee bakkeewwan seena qabeessa ilmaan Oromoo kanneen akka Dirree sheek Huseenii fi paarkiiwwan baalee fi bakkeewwan biroo Oromiyaa keessaa irraa funaanuun bittaa umrii isaa itti dheereffatu adda durummaan kan morman ibsuun uummatni Oromoos bakkeewwan kana irraa faayidaa tokko illee akka hin arganne ifa gochuun uummata qabatanii qabsoo ilmaan Oromoo ABOn durfamu cinaa akka hiriiran lafa kaa’anii jiru.

Barattootni Yuunivarsiitii Madda Walaabuudhaa arii’aman sababa Oromummaan tahuu fi ilmaan Oromoo miseensa OPDO hin taane yuunivarsiitii kana keessatti akka diinaatti kan ilaalamu tahuu isaa ifa godhanii jiru.

Xumura marii isaanii irrattis ibsa ejjennoo armaan gadii baafachuun marii isaanii irbuun goolabanii jiru

1.Qabsoo ilmaan Oromoo ABOn hoogganamu hanga bilisummaa waliin ni hiriirra

2.Gahee nurraa eegamu haala kam keessattuu ni baana

3.Gocha diinaa yoomuu ni mormina,Gaaffii mirgaa gaafachuu irraas hin dhaabbannu

4.Ilmaan Oromoo marti wal tumsee garbummaa jalaa akka bahutti ni barsiisna.Qooda keenyas ni baana

5.Hirmaannaa shamarran Oromoo qabsoo keessatti qaban ni babal’isna.

6.Diinni diina waan taheef  Wayyaaneef yoomuu hin bitamnu,hin ajajamnu

7.Waadaa keenya hanga xumuraa haala kam keessattuu ni tiksina kan jedhani dha.

Jechuun ejjennoo isaani ibsatanii jiru.

2 thoughts on “Sabboontonni Oromoo University Madda Walaabuu Warraaqsa Daran Jabeessuuf Murteeffatan

  1. Oromooti biyya keessaa, keessaa huu baratootii fi Qeeroon, jaabtchaa jiru. Oromoon biyya ambaa keessa jiranis osso yaada isaanii gara qabsootti fuullessanii, bilisummaan Oromiyaa ni kalaawa, ass siqa. Sochiin amma biyya keessatti qeerroon gegeesu abdatchiisaa dha. Garuu humni isaan tumsu jiratcuu qaba fi degersa Oromoota hundaa feesisa.

  2. Dubbii gaariidha kunii! Haatta’uu malee Wayyaanee lafaka’ani Oromofii Oromoon (odpo vs olf) garuu baafatanii walirratti oloolaa oofuun humnaa laaffisaa deemu danda’a. Kan diinni hundumtuu barbaaduu Oromoofi oromoon akka qalee walfixee
    laftii oromoo duwwaan isaanif hafuu barbaaduu. Waggaan 130 darbes kanuma ibsaa. Wayyaneen mata hyndumaa’irra teesee oromoofi oromoo wal nyaciftii. Kanaaf hamma dandamet harka wal qabatani socco’uun humna. 🙂

Leave a reply to Wayyeessaa YaaFiraa Cancel reply