Alaabaan ABO Konkolaatota Investeroota Alagaa irratti Fannifame,Ummannis Gammachuu Isaa Muldhise.

Bitootessa 06,2012

Abbootiin qabeenya alagaa ykn Habashoonni maqaa investor jedhuun Oromiyaa keessatti dinagdee harka guddaa dhuunfatanii jiru. Daldalli,qonnaan,albuudii fi hormaati hundi daldaltoota alagaan saamamaa jira. Haala kanaan konkolaataa gurguddaa fi Autobusa alagootaa magaalota Oromiyaa adda addaa keessatti dhaabuun alaabaa ABO(Oromo) irratti rarraasuun biyyi Oromiyaa kan Oromoo tahuu fi Oromoon bilisummaaf falmataa jiraachuu isaa Qeerroon muldhisaa jira.

Magaalaa Amboo keessatti osoo waraanni mootummaa Wayyaanee ummata eegaa jiruu Qeerroon alaabaa ABO konkolaataa ummata fe’u irratti fannisuun magaalaa keessa yeroo naannessan muldhatee jira.Ummanni kanaan gammadee konkolaataa kana biratti sirbaa ture,video fuula ummataa biraa qabu nageenyaaf edit gochuun hamma tokko akka armaa gadiitti.

1 thought on “Alaabaan ABO Konkolaatota Investeroota Alagaa irratti Fannifame,Ummannis Gammachuu Isaa Muldhise.

Leave a reply to Yuusufamahammed Cancel reply