Gurraandhala 23,2012
Gaaffii mirgaa barattooti Oromoo gaafatan deebisuun kan itti ulfaate mootummaan nama nyaataa Wayyaane,dargaggoota Oromoo yeroo barbaadetti hidhuu gaafa fedhe ammo barnootaa fi dalagaa irraa arihuun mirga ummataa keessatti ukkaamsuuf yaalii gurguddaa godhaa jira.Yeroo ammaa kanattis barattoota Oromoo University Finfinnee keessatti gaaffii kaasan keessaa barattoota 14 gaaffii mirgaa kaastan FDG isinii kaasuuf jedhu bara geenye fi sababoota mirga Oromoo waliin walitti hidhu irratti qopheessuun barnoota isaanii irraa arihee jira. Kanneen kunis:-
- Mahdii Ahmad Harargee/Gaara Mul’ataa Furdaa Fayyaa W.2
- Najiib Aliyyii >> >> Baddannoo Engineer W.3
- Abdii Mahammad >> Dirree Dhawaa Seera W.2
- Mahammad Abdii >> Ciro Economy W.2
- Ayub Asfaaw >> Mi’eesso Seera W.2
- Jamaal Yusuf Harargee Haramaayaa Fayyaa W.3
- Qonjit Akliiluu >> Calanqo Accounti. W.3
- Fathiyaa Jamaal >> Qullubbii A.Oromoo W.2
- Zalaalam Damee >> Asaboot Fayyaa W.2
- Halimaa Shaamil >> Ciro Seera W.3
- Jannaa Mahammad >> Bookee Lammummaa W.2
- Caaltuu Hassan >> Dadar Fayyaa W.2
- Abbush Katamaa Shawaa Bahaa/Adaamaa lammummaa W.3
- Almaaz Yixinaa Shawaa A.Oromoo W.2
Barattooi Oromoo yakka Wayyaaneen kanaan barnoota irraa arihamanis,nuti aarsaa taanee ummanni keenya haabilisoomu, gaaffii haqaa fi mirgaa ummata keenyaa gochaa hammeenya Wayyaaneen nurraan gahaa jirtu kanaan hin dhaabbatu jechuun yaada isaanii Qeerrootti kennatanii jiru.
Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!