Gurraandala 23,2012 Jimma
Barattoota Oromoo University Jimmaa mana hidhaa Wayyaanee keessatti haalaan dararamaa jiru.Barattoota Oromoo kanneen fincila diddaa gabrummaa University keessatti adda durummaan qindeessaa jirtan isini sababa jedhuun mootummaan abbaa irree dargaggoota ija hamtuun ilaalu mana hidhaatti deebisee jira.
Haaluma kan airraa ergamtooti mootummaa Wayyaanee fi manni murtii godina Jimmaa yeroo ammaa kana wal dhabdii guddaan kan gidduu isaaniitti uumamte yoommuu ta’u barattootni kunneen mana hidhaa Jimmaa keessatti haalaan reebamuun murtii tokkoon malee dararamuu irratti argamu.Barattoota yuunivarsiitii Jimmaa kanneen keessaa kanneen lammaffaa mana hidhaatti deebi’anii hiraarfamaa jiran keessaa:-
| Maqaa | Muummee | Godina |
aanaa |
umrii |
| Mokonnin Dabalee Toloo | Phycology waggaa 2ffaa | Godina addaa Naannoo Finfinnee | sulultaa | 24 |
| Eebbisaa Raggaasaa | Statistics waggaa 1ffaa | Shawaa lixaa | Gindabarat | 21 |
| Daannoo Dabtraa Bayyanaa | Water technology waggaa 1ffaa | Shawaa lixaa | Mana sibuu | 21 |
| Tasfaayee Biraanuu Bari’ee | Phycology waggaa 2ffaa | Harargee | Abaadir | 21 |
| Nuuraddiin Ahmed Barisoo | Phycology waggaa 2ffaa | Arsii | shaashimannee | 21 |
| Girmaa Bokonaa Hundee | Hojjetaa mana nyaataa yuunivarsiitii | Jimmaa | Geeraa | 29 |
| Misgaanuu Jaallataa Gamtaa | Nursing waggaa 2ffaa | Wallagga Bahaa | Nuunnuu qumbaa | 20 |
| Abdiisaa Qabatoo | Oromo focular waggaa 2ffaa | Arsii lixaa | Shaashimannee | 21 |
Warren kunneen keessatti argamu.Barataa Wubisheet Zalaalamii fi Barataa Moo’eeraa Lamaas mana hidhaa mootummaa Wayyaanee Jimmaa keessatti dararamni irraan gahaa jiru haalaan gaddisiisaa dha.Gaaffii mirgaa isaan gaafatan hidhaan furmaata jechuun ilmaan Oromoo Wayyaaneen mana hidhaatti ukkaamsaa jira.Dallaan yuunivasiitii Jimmaas waraanaan eegamaa jira.


All oromia regions should stand up at once and overwhelm Wayane. it is easy and much safer to stand together and that could make wayane run out of jail
moimsi kan kenga