Gurraandhala 21,2012 Finfinnee
Baatii Gurraandala 2012 keessatti diddaa Godina Shawaa lixaa Aanaa Abuunaa Manneen Barnootaa Somboo Walisoo fi Guutee Handoodee keessatti sabboontotni barattoota Oromoo hidhaa bara baraa ilmaan Oromoo irra jiru ni mormina,Yoomuu gaaffii mirgaa gaafachuu irraa duubatti hin deebinu jechuun barsiisota isaanii qabatanii mana barnootaa cufanii jiru.Qabsoo ilmaan Oromoof gumaatni oromoota hunda irraa feesisa kan jedhan barattootni Oromoo marti waamicha keenya dhaga’uun diddaa daran jabeessuun mootummaa garboomfataa bara baraa hundeen akka buqqisnu jechuun dhaammatanii jiru.
Kana malees sabboontotni Oromoo Godina Shawaa lixaa Kaachisii ona Leemat walgahii mootummaan wayyaanee waamte bahuu didan.Misooma hojjedhaa jettee mootummaan wayaanee labsitus nuyoo hojii keenya hojjenna jechuun ergamtoota mootummaa naannoo sanaa qaanessanii jiru.Warraaqsa biyyattii keessatti jalqabameef gahee oromummaa ni baana Jechuun uummatni Oromoo Ganda Leemat ajaja wayyaanee guutuun didanii jiru.Dabballoota walgahii yaasuuf bobba’anis gaaffiilee
1.Gibirri kanaan dura funaaname eessa dhaqe?
2.Karaan akka maqalaeef bahe Oromiyaa keessatti maaliif hin hojjetamen ,nuuf hin bane jechuun ofirraa arii’anii jiru.Diddaa Lixa shawaa keessatti jabaate dhaamsuuf mootummaan wayyaanee miseensota OPDO tahan walgahiif waamuun isheenii fi mata dureen isaas akkamitti warraaqsa dhaamsina kan jedhu ta’uus qorannoon qeerroo dhaqqabee jira.
Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!