Gabaasa Qeerroo,Jimmaa.Gur-dhala 20,2012
Diddaa Barattoota Oromoo jalqabame dhaamsuuf mootummaan wayyaanee barattoota yuunivarsiitii Jimmaa mana hidhaatti guuraa jira.Gaaffii mirgaa ilmaan Oromoo gaafatan hidhaan furmaata jechuun kan barate mootummaan Wayyaanee barattoota hedduu Yuunivarsiitii Jimmaa irraa mana hidhaatti guuraa turuunii fi ammas Barataa seeraa waggaa 5ffaa kan ta’e Barataa Ayyaansaa Mul’ataa jedhamu mana hidhaatti darbee jira. Mooraan Yuunivarsiitii Jimmaas waraanaan kan guutamte yoommuu ta’u barattootni arii’amanii fi hidhaman akka nuu hiikaman jechuun barattootni Oromoo yuunivarsiitii Jimmaa gaaffii isaanii guyyaa har’aa itti fufanii jiraachuun beekame.
Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!