Gurraandhala 19,2012
Diddaa biyyattii keessatti jalqabameef dirqamni Oromummaa hunda keenya irra jirti jechuun barsiisotni Godina addaa Oromiyaa naannoo Kamisee aanaa Gawwee qaala’insi jiraatan, Oromiyaa keessatti hojjetaniis tahe baratanii jiraachuun walumaa gala ummata Oromoo rakkoo keessa buusaa waan jiruuf, naannoo jirruttis jireenyi hojjetanii jiraachuu waan nu rakkiseef miindaan nuuf haa dabalamu kanaan ala hojii baruu fi barsiisuu ni dhaabna jechuun murteeffachuun gabaasan.
Mootummaan Wayyaanee hojjettoota ishii miindaa gad aanaan ramaddee warreen kaan ammoo hojii dhabdummaan rakkisaa kan jirtu yoommuu ta’u uummatni gama kanaan jabaatee gaafachuu akka qabus dhaamanii jiru.Gartuun siyaasaa biyyattii keessaa miindaa olaanaan kan ramadamanii fi bakkeewwan ijoo qabatanii kan argaman yoommuu ta’u har’a garuu hojjettootni mootummaa kamuu kana ifaan gaafachuu fi akka dandeettii isaatti bakka barbaachisaa galuu danda’uu waan qabuuf duubatti deebuu nu feesisu kan jedhan barsiisotni kun gaaffii biiroo barnootaaf dhiyeessaniif hojii barsiisummaa dhaabanii mootummaa Wayyaanee cinqaa jiraachuun beekama.