Lafti Qonnaa Shukkaara Finc’aa Hektaara 7 Gutummaatti Barbadaaye

Gurraandhala 14,2012 Gabaasa Qeerroo Finca’aa

Godina Wallaaggaa Bahaa Hoorroo Guduruu Onaa Abbaa Coommaniitti Guraandhala 12,2012 bakkaa warshaa Sukkaaraa Finfaa’aatii, shonkoorrii Hagaadaa sukkaaraaf Omiishaamee jiru lafa Hektaaraa 7 irraa qaama hin beekamiiniin guutummaatti Ibiddaan barbadaayee jira. Lafa qonnaa kana irraa baroota dheeraaf mootummaan Wayyaanee shukkaara omishatee biyya alaa fi Tigrayitti akka guuraa bahe ni beekama.

Dhuma bara 2011 irraa hanga Amajjii Bara 2012 keessaa hojjettoota lafa qonnaa fi kanneen warshaa shukkaaraa keessaa hojjetan Oromoota nama 600 ol tahan mootummaa Wayyaaneen hojii irraa arihamanii turuun ni yaadatama. Haala kanaan wal qabsiisuun Gurraandala 13,2012 guyyaa guutuu hojjettoota ammaan dura hojii irraa arihameen isintu qonnaa shukkaaraa kana barbadeesse sababa jedhuun heddumminaan qabanii hidhaatti guuraa jiraachuu gabaasi Qeerroo Finc’a irraa nu gahe addeessa.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

 

1 thought on “Lafti Qonnaa Shukkaara Finc’aa Hektaara 7 Gutummaatti Barbadaaye

  1. qeerroo jabchuu dha!mootummaan wayanee burkutaaa jira guddinni isaa dhumee guddinaa laaftoo gadii quura’aa jira tokkummaan bilisummaa keenyaaf haa carraaqnu
    IUO

Leave a reply to GOOLEE Cancel reply