Gurraandhala 09,2012 Finfinnee
Guyyaa har’aa Guraandhala 09,2012 Mooraa University Jimmaatti Gootonnii Barattoota Oromoo Gaaffii Oromummaa Kaasuun Fincilaa dhoosan. Gootonnii Baratoota Mooraa University Jimmaa gaaffiilee mirgaa adda addaa qabatanii mooricha keessatti dhadannoo dhageessuu itti fufanii waraana Wayyaanee itti ergame waliinis wal faccisaa ooluun qeerron mooricha irraa gabaasa.
Gaaffii mirgaa barattooti kun qabatanii ka’an garii keessaa:-
- Orommummaa eenyummaa keenya,Oromiyaan biyya keenya bulchuufis mirgi keenya.
- Adaa fi afaan keenyaan biyya keenya irratti arrabsamuun nu gahe.
- Gaaffiin mirga abbaa biyyummaa kan qabeenyaa nuuf haakabajamu.
- Laftii fi qabeenyi Oromoo gurguramee alagaaf kennamuun haadhaabbatu.
- Barattooti badiin tokkoon malee hidhaman daddaffiin haagadhiifaman, fi kkf ture
Keessaattuu karoora mootummaan Wayyaanee baafteen beekaa tahe jedhanii eenyummaa Oromoo kan xiqqeessuun barattoota dhalootaan Tigroota tahan akka isaan Oromoota arrabsaan taasisuun gochaa saboota walitti busuu karoorfatteen warreen lukkee Wayyaanee tahan barattoota Oromoo akka arrabsan taasisan, gochaan kunis fincilatti dabalamee baratoota Oromoo kunneen tigiree Oromummaan Isaan Arrabsitee irraatti Tarkaanfii maayii fudhachuun qaabeenyaa isaanii erga dhabamsiisanii doormii lukkeeleen galutu gadii baasanii adabbbii itti kannaa turan, Oromoon saba arrabsamuu miti kan jedhuun fincilli daran qabatee jira
Fincilaa kana duraa dhaabbachuun bulchiinsii mooraa
Universitichaa fi mootummaan Wayyaanee akka amala isaa humna poolisaa federaala Mooraa univeristy Jimmaatti naqaanii baraatoota goolaa jiru, presidentiin Mooraa University Jimmaa Fiqiree lammeessaa Kan jedhamuu baratoota sossobuuf yaalii godhu illee baratoonnii maalii atii Oromoo miti maaliif miga keenya dura dhaabbattaa? waggaa 100 diinaaf uggumtee buluu irra bilisummaan halkan tokko bulte siif wayya jechuun of irraa deebisanii jiru.
Karaa biraa Gurrandhala 09,2012 har’a Yuunivarsiitii Adaamaa keessatti Lammii Habashaa kan taate tuffii ilmaan Oromoof qabdu agarsiisuuf jecha mooraa keessaa fi bakkoota barattoti Oromoo ta’an irra deemee jecha badaan barattota Oromoo arrabse, baratooti diddaan keessa isaanii guute kana irraa kan ke’u guutummatti moraa keessaa wal gurmeessuun gaaffii mirgaa gaafachaa oolanii.Diddaa kana dhaamsuuf mootummaan Wayyaanee cinqii guddaa keessa jirti jechuu qeerroon Adaamaa gabaasa.
Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!
Wal’gurmesinee hakanuu al’takkan