Alagoota Oromiyaa fi Oromoo bitaa jiran irratti tarkaanfiin fudhatamuu eegale. Omishini Shonkoraas Gubate.

Gurraan-dhala 09,2012

Gurraandhala 7, 2012 galgala sa’aatii 6:30 PM tti Godina Shawaa Lixaa Aanaa Ada’aa Bargaa, Magaala Reenjii jedhamtutti Abbaa qabeenyaa Warshaa Simintoo Dangattee jedhamuu kan ta’e nama lammii Chaayinaa tokkorratti tarkaanfiin fudhatamee lubbuun darbeera.

Humni hunbeekamiin tarkaanfii kan inni fudhate  nama lammii Chaina kun abbaa qabeenyummaa warshaa kanaa keessatti kan aksiyoona guddaa qabu yoo ta’u, yeroo adda addaatti tuffii fi jibba ummata naannoo warshaatiif qaburraa kan ka’e miidhaa faalama naannoo irratti geessisuuf caalattuu yeroodhaa gara yerootti akka hammaatu taasisaa ture jedhama.

Haaluma kanaan har’a lammii Chaayinaa irratti tarkaanfii kan fudhattan isini jechuun milishoonni Wayyaanee mana hidhaatti guuramaa jiru.Mootummaan
Wayyaanee milishoota Oromoo ta’an yookin saaxilaa yookiin ammoo ABO waliin hidhataan kan hojjetu isini jechuun rakkisaa jiraachuun beekame.

Milishaa Mootummaa kanaa Obbo Birbirsoo Dhaabaa kan jedhamu sababa kanaan mana hidhaa mootummaa Wayyaaneetti darbatamee dhiibbaan garaa garaa irraan
ga’uu irratti argama.Uummatni naannoo kanaas sodaachisa Wayyaaneen
hiraaraa jira.

Karaa biraa Gurraan-dhala 08,2012 Godina Iluu abbaa Booraa keessatti oomishni shonkoraa waarshaa heektara 15,000 humna hin beekamneen gubatee jiraachuu gabaasi naannoo san irraa nu dhaqabe addeessa. Dabalata gabaasaa kanaa gana fuula duraatti dhiheessina.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

 

3 thoughts on “Alagoota Oromiyaa fi Oromoo bitaa jiran irratti tarkaanfiin fudhatamuu eegale. Omishini Shonkoraas Gubate.

  1. An caalaatti lammii china wajjin hedduu isaaniin wajjin dalaga jira ani kan na ajaíbu lammiin kun baayyisee sefish fi greedy dha. akka natti fakkaatutti baayyen isaanii tokko taánii waan guddataniif akka lammii oromoo addaa fi kabaja namuummaa hin qabani
    kunis anaan RACIST na hin jechisiisu darbees biyya ambaatti GUYYAA GUYYAATTI racism dhandhamaa jirra.Itti dabalee kan na ajaíbu faranjooni biyya keenya yeroo dhufan garamii fi nama gargaaran fakkaatu garuu biyya isaaniitti waan biroo dha .kanaaf nuti lammiin orommo lammii abbaa fedhe iyyu yoo namummaa keenya nu kabaje ni kabajina kanaáchi gita bittuu halagaatti hirkatanii yoo nu gabroomsuu barbaadan qeerroon kana caalaa waan hammeessaa fudhatuuf damaqoo taúu qabna lammii china s taé warri biyya ambaatii qabeenya oromoo karaa addaa samuu galan fi galaa jiran qeerroon yerooma fedhe iyyuu xiyyeeffannoo guddaa kennuu qaba walii gala abbaa fedhe iyyuu haa taú bilisummaa keenya fuuuldura dhaabatu walii galteen gonka hin jiru.
    dhumatti qeerroo bakka jirtanitti jabaadha
    IUO
    GOOLEE

Leave a reply to araboo lamlam Cancel reply