Ibsa Ijjannoo Barattoota Oromoo miseensa OPDO Yunivaristii Finfinnee

Nuti  barattootni  Oromoo Yunivaristii Finfinnee miseensota OPDO turre, ogummaa baranneen kallattii sagantaa siyaasa OPDOtin, haaluma heera mootummaarratti lafa kaayameen mirga fi fedhii ummata Oromoo kabachiisuu fi tiksuudhaan  hojiirra oolchina hubannoo jedhuun dhaabbata kanatti miseensa taane. Haa ta’u malee fedhii qabnu kana hojiin muul’isuuf yeroo adda addaatti leenjii siyaasaa kennamaa ture irratti mirgoonni waraqaarra jiran, keessayyuu ummata Oromoof hojiitti akka hiikaman gaafachaa turruyyuu gurri kana dhagahuu dhabamuurraa mormii yeroo yerootti kaasaa turreen walshakkiin hammaatudhaan gara wal diigutti deemaa turrerra. Haala fi deemsa akkasiitin mirgaa ummata Oromoo tiksuufis ta’ee kabachiisuuf hin danda’amu jechuudhaan kan yeroon dhaabbata kana keessaa of baasudhaan dhiyootti biraa hafes baayyee turan. Nuti garuu yaadaa fi falmii dhiyeessinuun mirgoonni waraqaarra ka’aman sunneen akka har’aa boritti akka hojiitti hiikaman dhiibbaa taasisuu itti fufuudhaan ijibbaataan biraa deebina yaada jedhuun cichoominaan hanga yoonaatti miseensummaa itti fufne. Ibsa Ijjannoo bar. OPDO Yun. FF

3 thoughts on “Ibsa Ijjannoo Barattoota Oromoo miseensa OPDO Yunivaristii Finfinnee

  1. Ilman Oromoo galata guddaa qabdaan! Jabaadhaa jenna.Kun tarkaanfii seena ummata Oromoo keessatti bakkee guddaa q kan qabatuu dha.

    Qabsoon Itti Fufaa,Garboosan ni kufaa !!!!!!!

    Injiffannoon Waan Hin OOle!!!

Leave a reply to Ayanaa Cancel reply