Barruuleen Warraaqsaa Magaalota Oromiyaa Hedduu Keessatti Tamsa’e. Diddaan Barattootaas Itti Fufe.

Gabaasa Qeerroo Finfinnee,Amajjii ,2012

Bakka African UnionBakka African Union

Barruuleen waamicha Waarraaqsaa Oromiyaa bakkoota hedduutti faca’uu gabaasi qeerroo nu gahe addeessa. Keessattuu naannoon baldhinaan faca’aa jiru keessaa Oromiyaa Gidduu galeessa,Wallaggaa lixaa,Godina Horroo Guduruu Wallagga,Gibii, Dambi Dolloo,Shaashimannee,Jimmaa,Adaamaa  fi Amboo,Gudarii fi Xiqur Incinnii,Bishooftuu,Wancii, Harge Dirree Daawaa,Galamsoo fi bakkoota adda addaatti guyyaa gaafa Amajjii 25,2012 baldhinaan faca’uu gabaafame.

University FinfinneeGama kaaniin barattootni mana Barumsaa Gudar hanga Bilisummaa barnootatti hin deebinu,Qabsoon haa dursu jechuun waraqaa dhaadannoo bakkeewwan garaa  garaatti maxxansuun  waamicha qabsoo ilmaan oromoof dhaamaa jiru.Waraqaan dhaadannoo fi aasxaan Qeerroo Godina Horroo Guduruutti maxxanfame Wayyaanee hedduu waan rifaasiseef waraana naannoo sanatti bobbaastee jirti.Mootummaan wayyaanee kutannoo barattootaa kan argite maatii barattootaatti deemanii barattooti Oromoo haala kana irraa akka dhaabbatan jechuun  kadhaa jalqabaniiru.Uni F

Kana malees goototi barattootni Koollejjii Qonnaa Baakkoos Diddaa itti fufuun barnoota dhaabanii jiru. Yuunivarsiitii Finfinnee keessattis diddaan jabaachuun bakkeewwan hedduutti dhaadannoon maxxanfamaa jiru mootummaa Wayyaanee hirriba dhorkee jira.Uummatni ganda gandaan akka qoratamu murteessuu irra darbee Barattoota qalamaa fi dabtara malee hin qabne sakatta’aa jirti. Kun kana tahees barattooti Oromoo diddaa isaanii itti fufanii jiru.

Qabsoon itti fufa! Gabroomsaan ni kufa!

2 thoughts on “Barruuleen Warraaqsaa Magaalota Oromiyaa Hedduu Keessatti Tamsa’e. Diddaan Barattootaas Itti Fufe.

  1. qabsoo bilisummaa oromoof gaggeeffamaa jiru gara sadarkaa guddaatti yookiin wayanee dhabamsiisuuf ummatni oromoo cufi marabbaa fi qindoominaanan itti fufuun haamilee fi siyasa fi warana wayane dadhabsiisuun seeena dhugaa qabeesa dha.kanaafis lammii oromoo taánii caasaa mootummaa halagaa biraa dafanii galuun yeroo murteessaa akka taé cimsanii baruu qabu
    kanaáchi rakkoo mudatuuf ni dhandhamu.yeroo sanattis bilisummaan maal akka taé addaan baasani ni baru.
    dhuma iratti ummatni oromoo biyyaa fi dhalatti wal cinaa dhaabachuun hundee wayane buqisuuu shakkiin hin jiru biyya oromiyaatti karaa adda addaa humna waraanaa bobbaasuun wayaneen furmata hin taú kana beekuu qabu.
    FDG itti haa fufnu qeerroo keenyas karaa barbaaduun deeggarsaa fi gargaasa haa kenninu
    nagaatti
    GOOLEE

Leave a reply to goolee Cancel reply