Amajjii 24,2012 FDG Jabaatee Itti Fufe. Wayyaaneenis Xiyyaara Lolaan Ummata Sodaachisuu Eegalte.

Gabaasa Qeerroo Finfinnee,Amajjii 24,2012

Amajjii 24,2012 Godinaa lixaa Shawaa Maagaalaa,Gudarii fi Ambootti mootummaan wayyaanee humna waraanaa Agaazii jedhamuu humnaaa olbobbaasee, magaalaa fi mannee barnootaa marsanii egaa jiruu,haallii magaala guddariitti ta’ee mootummaa yaadoo cimaa keessaa sensisee jira baratoonnii guyyaa kaleessaa suuraa saboontotaa Oromoo kan akkaa jaal Laggasaa Wagiii,Taadasaa Birruu fi gotota baratoota Oromoo FDG 2005 irraatti warregaman kan Jaagamaa Baadhaneefaa qabachuun sagaalee mormii dhageesisan. kana biraan guyyaa har’aa mootummaan wayyaanee xiyyaara waraanaa magaalaa Amboo fi Gudaar irraa Nanneessaa oluun uummaata(sodaachiisuun) shororkeessaa olee jira.

Kana malees Amajjii 24,2012 Godina wallaagaa bahaa Onaa Heebantuu Mana Barumsaa sadarkaa 1ffaa Qaaqaroo kutaa 1-8 kessaattii gootonnii baratootaa Oromooo ammaa FDG’n uummataan waldabalatee eegalani jiru. Wayyaaneen nu hin bulchiitu, dhaanbi OPDO jedhamtuu haa diigamtuu itti hin bulluu jechuu mormii dhageesisaa jiru.

Itti fufee guyyaa har’aa Amajjii 24,2012 Onaa Heebantuu bakkaa Gatamaa Bassee jedhamtuutti uummaannii FDG kaasee jira.

Qabsoon itti Fufa! Gabrummaa ni kufa!

1 thought on “Amajjii 24,2012 FDG Jabaatee Itti Fufe. Wayyaaneenis Xiyyaara Lolaan Ummata Sodaachisuu Eegalte.

  1. jabaadhaa fdg roga hunda tuqu qaba..madda gali isaa jalaa jeequun murteessaadha.akka mohannu shakkiin tokko hinjiru jabaadha.fininsaa.bakka jirru maraa roga hqppundaan bifa hundaan haa finiinsinu.injifannoon kan qeerroo ti.

Leave a reply to buro Cancel reply