Amajjiin Tokko Guyyaan WBO fi Waggaan Haaraa Magaalaa Ambotti Sirna Howwaan Kabajame.

Gabaasa Qeerroo Magaalaa Amboo,Amajjii 1,2012

Godina Lixaa Shawaa Onaa Amboottii Amajjiin 1/2012 haala addaa ta’een kabajamaa oolee jira. Kunis akkuma Beekamuu Uummaannii Oromoo Godinaa kanaa Amajjii lama,bara baran Bookkuu Cittuu’ ttii ni ayyaaneeffaata,Bokkuu Cittuu deemee seeraa uumaa fi uumamaa waaqa kadhata,seeraa jallaatee jiru nuf sirreessii yaa waaq jedhee dhugaa nu jalaa jallaatee nuf sirreessii jechuun bokkuu qabatee waaqa kadhata,  Sirna Bokkuu Cittuu bara kana kan Amajjii 1/2012 kan addaa isaa taasisuu dargaggoonnii Oromoo,beektonni fi Manguddoonnii hedduminaan argamuun guyyaa WBO Amajjii 1/2012 kabajatan. guyyaan kun uummaata Oromoo keessaattii bakkaa ol aanaa kan qabuudha yoommuu guyyaa kanaa hin dagatiina jechuun manguddoonnii sirnicha irraatti argaman dargagoota akeekan. Dargaggoonnii OROMOO Sirboota qabsoo bilisummaa oromoo fi Qeerroo bilisummaa Oromoo faarsuun wal bohaarsan,sirna kana ilaalchisun Videoleen  qindaa’a gama fuula duraatti Qeerroon dhiheessa.

 

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

 

1 thought on “Amajjiin Tokko Guyyaan WBO fi Waggaan Haaraa Magaalaa Ambotti Sirna Howwaan Kabajame.

Leave a reply to One love Cancel reply