Muddee 29,2011 Gabaasa Qeerroo Adaamaa
Muddee 29,2012 Diiddaa Qeerroon Bilisummaa mooraa University Adaamaa keessatti eegaluu isaa beekame.
Rakkoo barattoota Oromoo fi barattoota dhalootaan Tigree tahan jidduutti uumame irraan kan ka’e mootummaan Wayyaanee barattoota dhalootaan Tigray tahan meeshaa waraanaa hidhachiisuun akka isaan ittiin barattoota Oromoo doorsisan taasanii jiru.Sababaan kun hammaatee gootonni barattooti Oromoo har’a Muddee 29,2011 barattoota dhalootaan Tigree tahanii meeshaa waraanaa hidhatanii jiraniin qabanii meeshaa hikkachiisuun bulchiisa University fi seeratti dhiheessuu irraan kan ka’e hogganooti Wayyaanee fi OPDO humna waraanaa fi poolisa Federaalaa gurratanii gara mooraa Universiticha seenuun baabsaa ilmaan Tigroota irra goranii barattoota Oromoo doorsisuu yoo eegalan iyyuu diddaan baratootaa iitti cimee hammaataa jira.
Kana irratti hundaawuun diddaan barattootaa gaaffii Qeerroon Oromoo mirga ummata Oromoof gaafatan qabatanii mooraa keessatti wal gahuun dhadhannoo dhageessisaa jiru. universityn cufamee jira. Barattoota dirqiin galmatti seenanii akka walgahii irratti waan gaafatan guutamuufii fakkeessanii humnaan akka loonii galmatti naquuf akka jiran beekamee jira.
Guutuu gabaasa kanaa itti fufna.
Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!
Qeerroo abdii sabaa;
Kan dhihaa kan kaabaa;
Kan bahaa kan kibbaa;
Kan taatan utubaa;
Waaqi isin kabaa;
Godhee humna Arbaa;
Dalbalaa – barsiisaa;
Qotataa gumeessaa;
Tokkummaa jabeessaa;
Mootummaa abaarsaa;
Hundeedhaan buqqisaa;
Oromiyaa leelloo;
Loosha mudhii qalloo;
Haa-jaarrannuu maaloo!
Akka warra kaabaa;
Goobanaan jalqabaa;
Mootummaa abbaa irree;
Fakkaataa adurree;
Ajaawaa akka moorree;
Kan hinqabne naasuu;
Rabbiin haa-buqqisuu;
Garaa haa-tarsaasuu;
Umrii haa-gabaabsuu;
Jabeessaa tokkummaa;
Irree sawaa – namaa;
Kaayoo Oromummaa;
Tan kalee diiramaa;
Bara kuma lamaa fi kudha lamaa;
Rabbiin nu haa-godhuu bara bilisummaa;
Aannoo Oromoo