Samamuun ykn Qircamuun lafa Oromiyaa garamitti nu baasuuf deemaa?
“Dachiin Oromiyaa gurguramee Oromoon garba garbootaa tahaa jira, jennee yommuu iyyinu,diddaa qabrummaaf hidhamaa fi ajjeefamaa wareega kafaluun keenya siyaasa ijoollummaan(Qeerrummaan) machoofnee miti…. Dhugaa argaa jirru dha malee. Sabni keenya Oromoon booda gaabbii akka nutti hin taane ammaan Oromiyaa fi Oromoo baraaruuf jecha sosso’aa jenna!!” ( yaadaa fi dhaamsa walgahii qeerroo bilisummaa irratti kenname)
Suuraalee fi Video kun qaamaa qalbiin laalamee haala biyyi keenya keessa jirtu ittiin hubachuun dandayamu.
Mootummaan Wayyaanee TPLF s yeroo ammaa kanatti Oromoo fi Oromiyaa abbaa dhabsiisuuf duula guddaatti jira. Dachii Oromoo yeroo ammaa kanatti akka qircaatti mummuramanii investerota alagaatti gurguramaa jiranii fi laggeen Oromiyaa summayanii namaa fi beelada irratti rakkoo dhukubaa fi du’aatiin gaga’aa jiran akkasumas dachii Oromootaa sababa kanaan goganii ummanni irraa buqa’aa jiru qormaata irratti kan hundaaye waraabamee bifa video fi suuraan wal jalaa boodaan website fi facebook qeerroon ifatti baasa.
Ummanni Oromoo qalbiin suuraalee fi videota maxxanfaman ilaaluun rakkoo Oromootaa fi biyya Oromiyaa akka hubatuu fi qabsoo diddaa gabrummaaf murteeffatu gaafanna.
Oromiyaa haa hambifannu!! Ummata Keenya Oromoo haabaraarru!!!
Dinne Gabrummaa! Jenne Bilisummaa!!
Yeroon amma.talaantallu malee, tolli oromia fagaatuf deema.dukkana karaan dhibiidha. Ifa kana haa saammannuu .kanaafu talaantalaa loli talaantala tola. Injifanno,oromiaf.