Nama karaa Posted on June 1, 2011 by Qeerroo karaan kuni dheeraa karaan kuni seeraa namni karaa kuni hineegne barfata subii lafaa ka’ee haalaan dhimma ba’uuf haajuuf ariifata Namni karaa kuni otuu dararamuu seexaaf hiraaramuu akka duujee namaa hinrafne ganamaa miilasaa butachuuf obboroon suksuka obboroon tuktuka lafa barii duukaa Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk Click to share on Gofundme (Opens in new window) Gofundme Click to share on X (Opens in new window) X Click to share on Facebook (Opens in new window) Facebook Click to share on qeerroo youtube (Opens in new window) qeerroo youtube Click to share on Qeerroo Video (Opens in new window) Qeerroo Video Click to share on sbo/abo (Opens in new window) sbo/abo Click to share on WhatsApp (Opens in new window) WhatsApp Click to email a link to a friend (Opens in new window) Email Click to share on Gadaa (Opens in new window) Gadaa Click to share on www.Ayyaantuu.org (Opens in new window) www.Ayyaantuu.org Click to share on Oromiapress (Opens in new window) Oromiapress Like Loading... Related
Nuti ilmaan biyyaa; Qeeyroon Oromiyaa, Bahaa hamma dhiyaa, Kaabaa hamma Raayyaa, Gabrummaa badhannee, Mirga keenya dhabnee, Tiratuu dadhabneee, Harka wal-qabannee, Irbuu waliif seennee, Bilisummaa ykn. du’a jennee, Qeerroo moggaafannee, Marxoo marxifannee, Billawa suqqannee, Gamboora keewannee, Eeboo rarraafannee, Kunoo lafaa kaanee, Shimalaa fi fardaan, Xiyyaa fi mencaan, Xiqqaa fi guddaan, Wal-hinqoonnu gandaan, Amantii fi gosaan, Rakkina xixiqqaa ni furanna dadaan; Nama mirga qabuu barnoota barataa, Nama biyya qabuu, nyaatee-gangalataa, Nama aadaa qabuu, buxaalee-taphataa, Kan elmee-raafatu, dhadhaa dha dibataa, Oromoo dhageettaa? Kan dabreef waywattaa, Bochee alaanaltaa, Kan dhoortoo kadhatu, Kan wayyaaneen saamtu, Kan rasaasni nyaatu, Kan hidhaa waywaatu, Kan beelaa –dheebuun raatu, Oromoo malee kan biraa agartuu? Mee nu himaa dhiiroo, maalufaam calliftu? Nus lubbuu ni qabna, akkuma keessanii, Jiraachuu hinjibbine, lammii dhageessanii, Qeerroon oromoo obbolaa keessanii, Jiruu deegaa, jireenya seetanii, Du’a baqattaniis jalaa hin’baatanii, Maalumaaf calliftan osoo dhageeysanii? Ilmi abbaa kuulaa, Lammii walii galaa, Sabni biyyaan tolaa, Firraa bufna eelaa, Xirii maqaa gaallaa; Dhiiga gad jiigsinee, Lafee caccabsinee, Lubbuu keenya baafnee, Nu qeerroo Booranaa; Harargee fi Baalee, Shawaa fi Wallaggaa; Walloo fi Aanolee, Jimmaa fi Illuu; walii taanee golee, Akka gootota kalee, Duunee banna malee, Gabrummaa osolee, Akkaakuu raa dhaallee, Ni barbadeessina malee, Hindhalchifnu joollee; Nu joolleen Killoolee, Birmajjii -Bifoolee, Muddannaa fi Malbaa, walii taanee utubaa, Gooftaa maqaa dhibbaa, Guddaa garaa arbaa; Waaqayyoon waamachaa, Nama daadee hin’qabneef isaatu alalchaa, Qooqa buleeyyii isaatu gololchaa, Irree dhableef Rabbumaatu kalchaa, Waaqi nu gargaaraa, nu tahee riqichaa; Yaa ilmaa oromoo kan dubraa- dardaraa, Hawwanii fi dhiiraa, Sabni, saba tahuuf of wareeguu jiraa, Xiqqaa fi guddaan jabadhaa wal-jaaraa, Diinaa-fira keessan tolchaa addaa baraa, Nu obbolaan keessan murteefannee jirraa, Jibbitaniis dhiisaa, feetan nu gargaaraa, Jiraanu wal-garraa, Yoo dhumnees adaraa; Waanjoo gabrummaa, Hongeeysituu shagii namaa, Firraa buusuun ammaa, Jabeessaa tokkummaa, Kaayoo walabummaa, Hundee birmadummaa. Gamtaan bilisoomaa, Addunyaan qixxoomaa; Dhumaatii wal-hanqisaa, Wal-nyaachuu lakkisaa, Akka ilmaan bineensaa, Yeeyyii – waraabeessaa, Mee seenaa dubbisaa, Cubbuurraa wal-tiissaa, Dhugaa wal-barsiisaa, Yaadadhaa Goota akka Taaddasaa, Elemoo Qilxuu fi Nagaasaa Kumsaa, Sanbatoo fi Leenca akka Laggasaa, Saartuu fi Dammituu, obbo sisaay ibsaa, Kan sabaaf tahan arsaa, Buruysoo Boruu – Baharoo Tumsaa, Eebisaa Addunyaa-Usmaayyoo Mussaa, Goota akka qeeransaa, Leenca onnee soorsaa, Seenaan isaanii garaa nama raasaa, Maqaa isaanii dansaa, Hojii isaanii boonsaa, Jabaadhaa eebisaa; Adaam Saaddoo fi Mullis A/Gadaa, Barsiiftoota seera raabaa-gadaa, Mulliftoota bakkalchaa fi odaa, Maammoo fi Nadhii Gammadaa, Waaqoo Guutuu fi H/Gammadaa, Galata isaanii ni dhabna siidaa; Gootoowwan qaqqaalii, Guddinaa Tumsaa fi Guutuu Caalii, Gumaa aanolee fi calanqoo-calii, Dunfura kee filii, Qeerroo waliin duulii, Akka gootaa lolii; Seenaan haa-yaadatuu Sh.Bakrii Saphaloo, Goota-gootaa olii kan akka Aadam Jiloo, Jaarsoo Waaqoo fi gootooowwan solooloo, Meecaa fi tuulamaa, seenaa afran qalloo, Barannee-barsiisaa yaa lammii koo maaloo; INJIFANNOO KAN OROMOO TI!!! GADAAN – GADAA BILISUMMAA TI!!! Reply ↓
Jabaadhu goota koo abdiin keenya simaa, Hawwiin OROMOOtaa abdiin bilisummaa, Simaan galma geetti yoomumaa,yoomumaa, Si wajjiin hiriiruuf,galgalaa ganamaa, Ofduubaa hin deebi’uu gonkumaa,gonkumaa. Dhiigaa ilmaan keenyaa situ baasaa gumaa, Adda hin faca’inaa,jabeessaa tokkummaa, Jabeessuudhaaf qabsoo isa OROMUMMAA, ABO fi WBO’n jabaadhu yoomumaa. Reply ↓
Nuti ilmaan biyyaa;
Qeeyroon Oromiyaa,
Bahaa hamma dhiyaa,
Kaabaa hamma Raayyaa,
Gabrummaa badhannee,
Mirga keenya dhabnee,
Tiratuu dadhabneee,
Harka wal-qabannee,
Irbuu waliif seennee,
Bilisummaa ykn. du’a jennee,
Qeerroo moggaafannee,
Marxoo marxifannee,
Billawa suqqannee,
Gamboora keewannee,
Eeboo rarraafannee,
Kunoo lafaa kaanee,
Shimalaa fi fardaan,
Xiyyaa fi mencaan,
Xiqqaa fi guddaan,
Wal-hinqoonnu gandaan,
Amantii fi gosaan,
Rakkina xixiqqaa ni furanna dadaan;
Nama mirga qabuu barnoota barataa,
Nama biyya qabuu, nyaatee-gangalataa,
Nama aadaa qabuu, buxaalee-taphataa,
Kan elmee-raafatu, dhadhaa dha dibataa,
Oromoo dhageettaa?
Kan dabreef waywattaa,
Bochee alaanaltaa,
Kan dhoortoo kadhatu,
Kan wayyaaneen saamtu,
Kan rasaasni nyaatu,
Kan hidhaa waywaatu,
Kan beelaa –dheebuun raatu,
Oromoo malee kan biraa agartuu?
Mee nu himaa dhiiroo, maalufaam calliftu?
Nus lubbuu ni qabna, akkuma keessanii,
Jiraachuu hinjibbine, lammii dhageessanii,
Qeerroon oromoo obbolaa keessanii,
Jiruu deegaa, jireenya seetanii,
Du’a baqattaniis jalaa hin’baatanii,
Maalumaaf calliftan osoo dhageeysanii?
Ilmi abbaa kuulaa,
Lammii walii galaa,
Sabni biyyaan tolaa,
Firraa bufna eelaa,
Xirii maqaa gaallaa;
Dhiiga gad jiigsinee,
Lafee caccabsinee,
Lubbuu keenya baafnee,
Nu qeerroo Booranaa; Harargee fi Baalee,
Shawaa fi Wallaggaa; Walloo fi Aanolee,
Jimmaa fi Illuu; walii taanee golee,
Akka gootota kalee,
Duunee banna malee,
Gabrummaa osolee,
Akkaakuu raa dhaallee,
Ni barbadeessina malee,
Hindhalchifnu joollee;
Nu joolleen Killoolee,
Birmajjii -Bifoolee,
Muddannaa fi Malbaa,
walii taanee utubaa,
Gooftaa maqaa dhibbaa,
Guddaa garaa arbaa;
Waaqayyoon waamachaa,
Nama daadee hin’qabneef isaatu alalchaa,
Qooqa buleeyyii isaatu gololchaa,
Irree dhableef Rabbumaatu kalchaa,
Waaqi nu gargaaraa, nu tahee riqichaa;
Yaa ilmaa oromoo kan dubraa- dardaraa,
Hawwanii fi dhiiraa,
Sabni, saba tahuuf of wareeguu jiraa,
Xiqqaa fi guddaan jabadhaa wal-jaaraa,
Diinaa-fira keessan tolchaa addaa baraa,
Nu obbolaan keessan murteefannee jirraa,
Jibbitaniis dhiisaa, feetan nu gargaaraa,
Jiraanu wal-garraa,
Yoo dhumnees adaraa;
Waanjoo gabrummaa,
Hongeeysituu shagii namaa,
Firraa buusuun ammaa,
Jabeessaa tokkummaa,
Kaayoo walabummaa,
Hundee birmadummaa.
Gamtaan bilisoomaa,
Addunyaan qixxoomaa;
Dhumaatii wal-hanqisaa,
Wal-nyaachuu lakkisaa,
Akka ilmaan bineensaa,
Yeeyyii – waraabeessaa,
Mee seenaa dubbisaa,
Cubbuurraa wal-tiissaa,
Dhugaa wal-barsiisaa,
Yaadadhaa Goota akka Taaddasaa,
Elemoo Qilxuu fi Nagaasaa Kumsaa,
Sanbatoo fi Leenca akka Laggasaa,
Saartuu fi Dammituu, obbo sisaay ibsaa,
Kan sabaaf tahan arsaa,
Buruysoo Boruu – Baharoo Tumsaa,
Eebisaa Addunyaa-Usmaayyoo Mussaa,
Goota akka qeeransaa,
Leenca onnee soorsaa,
Seenaan isaanii garaa nama raasaa,
Maqaa isaanii dansaa,
Hojii isaanii boonsaa,
Jabaadhaa eebisaa;
Adaam Saaddoo fi Mullis A/Gadaa,
Barsiiftoota seera raabaa-gadaa,
Mulliftoota bakkalchaa fi odaa,
Maammoo fi Nadhii Gammadaa,
Waaqoo Guutuu fi H/Gammadaa,
Galata isaanii ni dhabna siidaa;
Gootoowwan qaqqaalii,
Guddinaa Tumsaa fi Guutuu Caalii,
Gumaa aanolee fi calanqoo-calii,
Dunfura kee filii,
Qeerroo waliin duulii,
Akka gootaa lolii;
Seenaan haa-yaadatuu Sh.Bakrii Saphaloo,
Goota-gootaa olii kan akka Aadam Jiloo,
Jaarsoo Waaqoo fi gootooowwan solooloo,
Meecaa fi tuulamaa, seenaa afran qalloo,
Barannee-barsiisaa yaa lammii koo maaloo;
INJIFANNOO KAN OROMOO TI!!!
GADAAN – GADAA BILISUMMAA TI!!!
Jabaadhu goota koo abdiin keenya simaa,
Hawwiin OROMOOtaa abdiin bilisummaa,
Simaan galma geetti yoomumaa,yoomumaa,
Si wajjiin hiriiruuf,galgalaa ganamaa,
Ofduubaa hin deebi’uu gonkumaa,gonkumaa.
Dhiigaa ilmaan keenyaa situ baasaa gumaa,
Adda hin faca’inaa,jabeessaa tokkummaa,
Jabeessuudhaaf qabsoo isa OROMUMMAA,
ABO fi WBO’n jabaadhu yoomumaa.