( Gabaasa Qeerroo Adaamaa Irraa)
(Oduu Qeerroo, Adaamaa, 22 Caamsaa 2011) Diddaan barattootaa gara fincilaatti ce’e; kan Hidhame hidhamee,Kan reebames reebamee, kan nyaata summaayaan nu biraa Hosptala fi bakka adda addaa ciisan irraan kan hafan fincila isaanii itti fufanii jiru.
Qeerroon akka gabaasetti, Gaaffii mirgaa gaafachuu fi FDG itti fufe jira. Mooraa Yunivarsitii Adaamaa keessatti diddaan itti fufee, Sanbata kaleessaa-21 Caamsaa 2011- gabaasaa tamsaasuuf kan turre haala rakkisaa keessa waan turreef oduu dabarfachuu dadhabnee turre.
Sababni isaa social net work kutuudhaan kan akka Net Work Internetii fi telephonni hin turre, akkasumas mooradha ala bahuuf lola keessa waan jirruuf rakkoo guddatu ture.
Guyyaan Jimaata Caamsaa 20,2001 sa’a 6:00 irra kaasee barattootni moora keenya Universitii Adamaa akkuma beekamu barattooota dhikkubsatanii fi hidhaman dabalees gaaffii Dargaggoota (Qeerroo) ilalchise hiriiraa nagaa adeemsifame.
Kanarratti moora cabsuun manneetii kuusaalee humnooti tikaa keessa qubatan, konkolaataa ergamtoni Wayyaayee ittin adeemtu hojiin ala godhanii utuu jiranii itti fufuun mooraa cabsuun poolisoota fi ergamtoota mooraa dhagaadhaan arii’ianii gara alaatti yoo bahan humni federaalaa baayyinni isaanii tilmaaman 5000 ol ta’an gara barattoota kanatti ergaman ,moora alatti nannoo sa’a tokkoo fi walakkaa kan ta’u lola dhaagaa darbannaa barattootaa fi loltoota Wayyaanee gidduutti adeemsifamaa ture.
Garuu akka carraa tahee barattoota keessa kanneen reebichan miidhaman malee balaan guddaa hin geenye. Itti fufuun humni dabalamuun barattootni nannoo sa’atii sagal booda gara mooratti deebi’ani konkoolatota Wayyaanotaa kanneen human dabalataa guurtee mooraa naqxe caccabsuun akka tajaajila hin laanne godhaaniiru.
Yeroo kanas barattoota kaan reebuun kanneen hafan keessaa nama 20 kan tahan qabanii deemanii jiru,barattooti qabamanis yeroo qabamanitti Oromiyaan ni Bilisoomti !! jecha jedhuun jagnummaan dhadataa qabaman.
Dhaadannoon barattoota kana kan ture kan akkana jedhu ture ”Mootummaa hattuu” jechi kun barattoota addaan utuu hin qoodin kan jedhamu yoo ta’u sabbootonni Qeerroo ilmaan Oromoo kan ta’an immoo “Wayyaanee hattuu! Oromiyaan Kan Oromooti! ABO,WBO,Ka’I Qeerroo!! Fi kkf jechuun sirbaa turan .Suuraa fi Sagaleen waraabamee waan jiruuf meeshaa gahaa waan hin qabneef dabarsuu hin dandeenye.
QB
Qabsoon Itti Fufa! Gabroomsaan ni Kufa!!
qeyroo isin walin jirraa jabaadhaa rabbi isin haagargaaru
Barri bara bilisummaa ta’uu isaa hubannee hundi ilmaan oromoo qeerroo cina haadhaabbannu .Ilmaan cunwurfamootaa hundi ka’aa otoo wal-hin qoodin qeerroo bira dhaabbadha , dhaabni keenyas ittisa godhaafi (in any way give them protection) BRAVO WE ARE WITH U.
Yaa ilmaan oromoo ka’aa wal kakaasna bilisummaaf kaanna ! Maaloo tokkummaa dursinaa!!