Ergamaan Wayyaanee Junaaddiin Saaddoo Qaanii Guddaa Uffatee Baqate.

(Oduu Qeerroo, Adaamaa, 22 Caamsaa 2011) Fincila barattoota Yunivarsitii Adaamaa dhaamsuuf kan ergame ergamaan Wayyaanee Junaddiin Saaddoo qaanii uffate deebi’e.

Fincila akka haaraatti Jimaata darbe ka’e qabbaneessuuf Sanbata darbe, Caamsaa 21, 2011 wayita ergamtichi wayyaanee kun achi ga’u barattooti immoo “erga summiin nu fixxanii booda maal nu dubbistu?” ittiin jechuun isa qaanessan.

Ergamaan kun kan ergame fincilaa booda eega  waraanni mooraa guuteen booda warra Tigireen marfamee ergamtichi Junaddii Saaddoo barattoota dubbisee qabaneessuuf  wayita yaaletti barattooti  sagalee tokkoon “maal barbaadda? Ammoo erga summiin nu fixxanii mirga keenya ukkaamsitanii maal barbaadda? ergamaa!” ittiin jedhan.

Yeroo barattooti afaan tokkoon  “hattuu!” jechuunii eegalanii dhadannoo dhageesifachuu itti fufan battala baqatee naannoo sanii deemee jira.

Diddaan barattootaa kun akka hin babal’anneef humnoota tikaa bakkaa bakkatti raamadanii ummata sodaachisuufi bir’achiisuuf yaalii gochaa kan jiru yoo ta’u, ummatis “beelaa fi qaala’ina jireenyaan dhumuun haa raawwatu!” jechuu eegalanii jiru.

4 thoughts on “Ergamaan Wayyaanee Junaaddiin Saaddoo Qaanii Guddaa Uffatee Baqate.

  1. Baga qaana’e qaanaan kun! Dur illee nama Oromoof falmu fakkaataa ture, garuu wayyaanee bara inni OPDO bulchaa ture keessa halkan mana isaatii gadi isa fuutee fincaanii fii udaan buusiftee regamaa godhatte malee. Baga barri isa qaanesse!!!!!!

  2. Qaanii kana irra kuwwan maal barachu danda’an? Qannessuun baratoota isa maal barsisuu danda’a? Saba duubaan hiriree(hiriranii) dhiga of irra dhiquu qofa carran OPDO. Ibbiddi sadasa galma gahu malee hin dhaamu. FDGn itti fufa. “OROMIA SHALL BE FREE”.

  3. haatuu kana baga rabbii isaa qanneessee dhiginni ilmaan oromoo yoom kanan dhaabata qannin isaan daraan dabalee itti fuufa deema,garuu qamnni ummata kanaafan moorma jedhuus abdii waan qabuu hin fakkatuu. kanaas kanaan jedhuuf yeroo umman gujii ummata siidamaan naannoo Aanaa wandootti dhumee manni isaa gubatuu namni qaqabeef hin jiru mee yoo dandeechaan uummata kana fana hiriraatoo mirgaa ummata keenya waliin haa kabachiisinuu.

Leave a reply to Muamin muhammed Cancel reply