Hidhaan hammaatus, Qeerroon Fincila itti fufti!

(Oduu Qeerroo, Jimmaa, 20 Caamsaa 2011) Wayyaaneen warraaqsa ummataa biyyattii kessatti dummeessayaa jiru to’achuuf, namoota feestaala baatanii deeman otuu hin hafiin qabanii sakatta’uun sochii bilisummaa lammiilee danqaa akka jiru beekame.

Waliigaltee addunyaa fi seera mootummoota gamtoomanii maqaaf mallatteessuu kan himatu sirni wayyaanee maqaa nageenyaa fi talgabbiitiin sochiilee bilisummaa lammiilee biyyattii ugguraa jira.

Keessaayyuu, magaalota keessatti humnooti tikaa maqaa poolisiitiin socho’aa jiran abbaa fedhan dhaabanii akka sakattan ajajni bakka hundatti darbuu isaa kan ibsan maddeen Qeerroo, ajjani kun immoo Mallas Zeenaawwii irraa kallattiin waan kennameef bulchiisoti hundi dhiphuu keessa galanii jiru.

Kana biraan, hidhaa fi ukkaamsaan akka malee babal’achaa kan jiru yoo ta’u, kun immoo dhumaatii bara garboomsaaf mallattoo guddaa dha, jedhamee jira.

Leave a comment