Mootummaan TPLF Barattoota Oromoo 1500 ol Nyaata Summaayeen fixaa Jira

Mootummaan TPLF Baattoota 1500 ol Nyaata Summaa’een Adabuun miidhaa Jira.

Nyaati Summaaye Kun Sadarkaa Guddaatti Barattoota Oromoo Miidhaa Jiraachuu Ogeessonni Fayyaa Oromoo Adaamaa jiran ibsanii jiru.Waldhaansa kennuuf dawaan gahaa hin jiru,tajaajila nayaas kennuuf nyaati hin jiru fala dhabne kan jedhuun yaaddoo isaanii kan ibsatan ogeessonni fayyaa Oromoo miidhaa kana balaleffatanii jiru

(Qeerroo News, Adaamaa, 18 May 2011)Dhadannoon mootummaa TPLF yeroo ammaa laga Abbayyaa hidhuu kan jedhu yeroo tahu,Finciloota dargaggoonni(Qeerroo)n Oromoo kaasan gara dabarsuuf jecha maqaa dhadannoo kanaan waan hin goone hin qabu,human waraanaa qabdu gama kaaba biyyattiitti guuruun Asabiin Ethiopiatti deebifna,maallaqa keessaa fi alaan walitti qabnee laga Abbayaa cufna ykn hiina kan jedhuun ummata Oromoos tahe saboota Empayerittii keessa jiraniin gurra duuchaa jira.

Kanaan Wal qabatee University lee keessatti basaasotaa fi human Federaalaa bobbaastee barattoota Oromoo(Qeerroo) nyaata keessan irraa kutaatii maallaqa laga Abbayyee ittiin ittifnu nu gargaara jechuun dirquutti jira,Dargaggoonni Oromoos gaaffii fi dirqama TPLF itti kenne kana diduun mirgi ummata Oromoo akka sabaatti osoo hin eegamiin,gaaffiin Oromoo osoo hin deebi’iin nyaata keenya irraa baajeti hir’achuu hin qabu kan jedhu dhaabbii guddaa fudhatanii yeroo jiranitti,diddaa kanaaf haaluu bahuuf jecha nyaata Universitylee keessatti kennaman haalan gadi xiqqeessuu fi qulqullina nyaataas gara balaaf gaga’uutti geessuutti boba’ee barattoota irraan miidhaa gurguddaa geessisaa jira. Ta’e jedheen gochaa kanatti kan bobba’e mootummaan Wayyanee guyyaa har’aa Caamsaa 18,2011 barattoota University Adaamaa nyaata summaa’e nyaachisuun barattooti kumaa fi dhibba shan (1500) ol haalaan miidhamanii gariin hosptala ciisuun gariin ammoo waldhaansa dhabanii mooraa keessatti gatamanii jiru.

Kana irraan kan ka’e lammiin keenya nyaata summaayeen dhumaa jira kan jedhu barattooti Oromoo hafan gaaffiilee kaasaniin, mooraan kunii fi barattooti Oromoo hundi waan shakkamtaniif,mishoomi mootummaa osoo bakka hin gahiin waan gaaffii ABO gaafattaniif ni shakkamtu,miidhaan kana caalaa iyyuu isin irraa gaha kan jedhu doorsisa gara malee doorsifamaa jiraachuu isaanii Qeeroon University Adaamaa gaabaasu. yeroo ammaa mooraa university kaampii waraanaa kan godhate humni Feederaalaa fi tika Wayyaanee gaaffii  Qeerroo kana irraan kan ka’es barattoota hedduu mooraa keessaa akka ar’anii jiru.Barattooti ari’amanis maatii irraa fagoo waan tahaniif bakka bulanii fi waan nyaatan dhabuun gidirfamaa jirachuun beekame.

Qabsoon itti fufa! Gabroomsaan ni kufa!

4 thoughts on “Mootummaan TPLF Barattoota Oromoo 1500 ol Nyaata Summaayeen fixaa Jira

Leave a reply to shume Cancel reply