“Itoophiyaan mana hidhaa namoota gaaffii mirgaa gaafatan itti hiraarsanii dha.”

(Oduu Qeerroo, Finfinnee, 19 May 2011) Sababaa abbootiin qabeenya Taaksii naannoo Finfinneetti fincila kaasanitti qabachuun waraannii fi humni Federaala wayaanee namoota taaksii oofanii fi abbootii qabeenya minibus hedduu hidhaa akka jiran beekame.

Mootummaan Wayyaanee diddaa abbootii qabeenyaa fi shufeerotaa kanaan hedduu rifachuun qajeelfama bobbaa kaaksii baasee ture kaasuun akka duriitti akka hojjatan dhiisu illee harka lafa jalaatiin namoota dhimma kana qindeessuu keessaa harka qabu jedhee yaadu hidhuutti jira.

Akka kanaan magaala Adaamaa dabalatee hamaa ammaatti namooti 100n lakaayaman hidhamanii jiru; isaan keessaas maqaa namoota hidhamanii haga tokko kan beekamn yoo ta’u kanneen haga ammaatti amqaan isaanii hin argamne illee ni jiru. Isaanis:

1. Tasfiye Kebede magaalaa Finfinnee naannoo garjii

2. Alemayehu Ragasa magaala Finfine ” ”

3. Adisu Tashome ” ”

4. Misgana Ajamaa Finfinnee naannoo Magananya

5. Shukuraa Jamaal magaalaa Adaamaa

6. Andargee Belacho magalaa Adama

7. Temasgen Qinaxxii magala Adama dha

Wayyaaneen badii jireenya hawaasaa irraan gaha jirtu dhofkachuuf jecha amma illee sochi warra Qeerroo keessatti harka qabdu jedhanii namoota hedduu ukkaamsanii hidhaa akka jiranis beekameera.

“Gaaffii ummataa ukkaamsaan deebisuu hin danda’u,” kan jedhe Qeerroon,” Haga gaaffiin haqaa, Bilisummaa fi dimokiraasii hin mirkanoofnetti qabsoon diddaa cunqursaa fi garbummaa daran jabaatee itti fufa,” jedhee jira.

Qeerroon, itti dabaluunis, "Itoophiyaan biyya namoota gaaffii mrgaa gaafatan itti hiraarsan ta’uun yeroon itti hafu fagoo hin ta’u," jedhee jira.

Yeroo ammaa kanatti sabqunnamtiin Wayyaanee kan akka TV fi Raadiyoo akka fincila abbootii qabeenyaaa kana dhaabde yookaan immoo tohateetti oduu kijiba dabarsuu itti fufanii jiru.

Leave a comment