Gaaffiin Mirgaa Itti fufe,Gootonni barattooti Oromoo xichoominaan Wayyaanee dura dhaabbatan.
Odeessa Qeerroo,Ebla 21,2011. Barattoonni Oromoo University lee gara gara keessa jiran hanga ammaa waldhaansoo sirna bulchiinsa Wayyaanee waliin wal qabanii akka jiran guutummaa biyyaaf ifaadha.Sochii gootota Oromoo kanaan kan rifatte mootummaan Wayyaanee human waraana feederaalaa fi tikaan barattoota tohachuu hanqachuu irraan kan kaafte,yeroo ammaa moora University Arbaminci keessatti human waraana feederaalaatti dabaluun kanneen dhalootaan Tigroota tahan qofa gara mooraa University galchuun barattoota Oromoo humnaan qabanii hidhuu itti fufanii jiru.
Ebla 21,2011 Mooraa Arbaminci keessaa haaraatti gootota barattoota ilmaan Oromoo tahan nama 6 fuudhaanii deeman keessaa:-
- Xilahuun Fufaa Guutuu Economics Waggaa 3ffaa
- Tasfayee Dhabaa sociology Waggaa 3ffaa
Kanneen jedhaman keessatti argamu.
Qabsoon Itti fufa!!
Gabaroomfataan ni kufa!!
Eyeen! Gaaffiin mirgaa saba Oromoo itti fufuu qaba; nutis qabsaa’onni Oromoo barattoota keenya cina dhabbachuu qabna! Haa jabaannu!!