Diddaan Barattootaa gara Raayyaa Waraanaatti Ce’e!

(Qunnamtii Oduu Qeerroo, Finfinnee, Ebla 18/2011) Diddaab abarattootaan eegalame gara ummataa gahuu bira darbee raayyyaa ittisa biyyaa keessatti dhalachuu isaa oduun damee qunnamtii Qeerroo humna ittisa biyyaa irraa nu gahe addeesse.

Oduun humna raayyaa wayyaanee keessaa nu gahe akka hubachiisutti, wayyaanoti ummata shakkuu fi sadaachuu irraa kan ka’e humna waraanaa fi ummata addaan baasuuf shira adda addaa xaxaa jira.

Akka tarsimoottis, raayyaan ittisaa ilaalcha siyaasaa irraa qulqullaa’uu qaba aguuggii jedhuun qorannaan akka humna ittisaa sadarkaa sadarkaa addaa addaa keessatti godhamuuf akeekamee jira.

Akka kanaan gidduu kana qorannaan humna tikaa fi ittisaa keessatti dhoksaan erga godhamee booda qorannaan kun qondaaltota waraanaa dhaloota saboota biroo kan ta’an kan akka Oromoo, Ogaadeen, Amaaharaa fi kanneen cunqurfamoo irraatti jabinaan akka gaggeeffame ajajni darbee jira.

Qorannoo kun immoo humna ittisaa keessatti walshakkii duraan ture babal’isuu bira darbee, yeroo ammaa kana kanneen qondaalummaa qaban akka biyya fincilan kakaasee jira.

Odeessa boodana nu gaheenis, guyyoota lamaan kana keessa qondalotaa fi waraana Itophiyaa karaa Kibbaa jiran keessaa humni guddaan mootummaa Keeniyaatti harka kennatanii jiru.

Humna Waraana  mootummaa Keenyatti harka  kennatan keessattis qondaaloti olaanoo sadii, Shalaqaa Alamuu Namarraa, Kolonel Hailemariam Kumsaa Waqayyoo fi Kolonel Gammachuu Kabadaa Furgasa yoo ta’an humni waraanaa 50-60 gahu  waliin akka harka kennate beekmee jira.

Sababaan himame kanaan mootummaan Itophiyaa yeroo ammaa human waraanaa keessaa kanneen saboota biroo ta’an irratti basaasota ramadee eegaa fi to’annaa gochaa akka jiru beekameera. Yeroo ammaa kanas kellaawwan gara Mooyyaleetti nama geessan hedduu eegamaa jiru; karaa Sudaan illee namoota bahuuf yaalan qabanii deebisuutti akka jiran beekamee jira.

5 thoughts on “Diddaan Barattootaa gara Raayyaa Waraanaatti Ce’e!

  1. duguma qabsaa’aan ni kufa qabsoon itti fufa hara’as illee kunoo itti fufee nuun dhaloota ammaatti kennamee nuun iddoo ga’uuf deemaa jira. yaa uummata oromoo kana caalaa wal kakaafnee warreen cinooftuu buujalooftuu kattaa irraa yaaatee nu dhaaluuf deemtu hundeen haa buqqifnu. BILISUMMAAN YOOMUU KANUMA UUMMATA BAL’AATI!

Leave a reply to BARAARA LAMMII Cancel reply