Diddaan Barattotaa Gara Ummataatti Babal’ate;OPDOnis Waljeeqaa Jirti!

(Oduu Qeerroo, Mettuu, Ebla 16, 2011) Ummati Oromoo kaayyoo diddaa fi fincila barattootaa deeggaruun  hidhaa fi ajjeecahaan barattoota irratti raawwatamu akka dhaabbatu gaafatan; haalli kun immoo OPDO keessatti jeequmsa kaasaa jira.

Guyyaa Gootota Oromiyaa, Ebla 15, sababeeffachuun labsiin diddaa barattootaa bakka adda addaatti kan facaasame yoo ta’u, kaayyoon barattootaas kan hawaasa hunda biratti jaalatamee dha.

Kanneen qunnamtii Qeerroof yaada kennan akka hubachiisanitti, “yeroo barattoota keenya hidhanii ajjeesan, usnee taa’uu hin dandeenyu; diidaa fi fincila barattootaas ni deeggarra,” jechuun deeggarsa barattootaaf qaban ibsacahaa jiran.

Keessaayyuu, ummati naannoo Goree fi Mattuu jiraatan waraqaa diddaa barattoota Oromiyaa irraa facaasame erga argatanii booda yaada qunnamtii Qeerroof kennaniin kaayyoon barattoota keenyaa nagaa fi bilisummaa kan argamsiisu waan ta’eef garaadhaan deeggara jedhanii jiru.

Labsiin Qeerroo Oromiyaa kaleessa irraa eegalee, magaalota Jimmaa, Baddallee, Mattuu, fi Goree keessatti baay’ifamee facaasamaa fi hiramaa jira; hawaastis labsii san heddummeessanii waliif daddabarsaa jiran.

Ummati dhaamsa barattootaa kana erga dubbisanii boodas yaada isaa fi hojii isaa keessatti akka qooda fudhatan mul’isaa kan jiran yoo ta’u, haalli kun miseesnsoti OPDO naannoo sanaa akka wal qorataniif sababa ta’ee jira.

Haaluma walfakkaatuun labsiin barattootaa kun naannoo Shaashamannee keessattis ummataaf erga hiramee booda madda waraqaa sana raabse beekuuf warri OPDO walgamaggamaa jirti.

Gimgamaa kana irratti kanneen hidda Oromummaa hin qabne, warra Oromoo ta’an shakkuu fi qeequun kan itti fufe yoo ta’u humnooti tikaa fi basaasaas dhoksaatti marii taa’anii akka jiran beekameera.

Haalli kun immoo miseensota OPDO walitti akka gaarreffatan godhee akka jiruu fi walshakkiin gidduu isaaniitti babal’acjaa jira.

Karaa marsaa walqunnamtii Qeerroo dhaamsi darbaa jirus, kaayyoon qeerroo deeggarsa guddaa jira. kanneen yaada kennaa jiran akka hubachiisanitti, ummati karaa hundaan walta’anii diddaa fi fincila isaanii babal’isuun aangoo abbootii irreetti daangaa gochuu qaban.

3 thoughts on “Diddaan Barattotaa Gara Ummataatti Babal’ate;OPDOnis Waljeeqaa Jirti!

  1. Kun oduu gammachiisaa fi waan dansa dha! Sabni Oromo, OPDO dabalatee, yoo cina baratoota Oromoo dhaabbatan, fincilli kun fi qabsoon keenya karaa gaarii qabatan jechuu dha! Haa jabaannu!

Leave a reply to Kana Cancel reply