“Haga Barattooti Hidhaman hiikamanitti, Barumsatti Hin Deebinu!” BUA

Yunivarsitiin Arbaa-Miinci Humnoota Tikaa Wayyaaneen Marfamee Jira!

(Oduu Qeerroo, Finfinnee, Ebla 15, 2011)Guyyaa har’aa  Ebla 15,bara 2011 gootonni barattooti Oromoo Yuniversitii Arbaa-Miinci, (BUA)  mooraa isaanii keessatti FDG gaggeessanii gaaffii siyaasaa fi mirgaan mootummaa Wayyaanee baaragsaa akka jiran gabaasame.

Gabaasaan Qeerroo akka hubachiisetti, akeekni diddaa FDG barattootaa kaayyoo nagaa fi bilisummaatiin kanneen gaaffii mirgaa fi siaaysaa gaafatan cina dhaabbachuu fi kanneen ukkaamfamanii hidhaman akka hiikamaniif deeggarsaa fi birmannaa barbaachisu kennuuf  ta’uun hubatamee jira.

Baratoooti Oromoo mirga ummata isaanii fi saboota kanneen Ethiopia keessatti cunqurfamoo tahaniif falmii godhaa jiran kun milishooti federaala Wayyaanee meeshaa guguddaa fi salphaa hidhatanii mooraa san keessaa akka hin baane yoo dhorkan iyyuu mooraa keessatti walitti qabamuun gaaffiilee mirgaa qondaalota Wayyaanee fi ergamtoota mooraa University saniif dhiheessanii jiru.

Barattooti kunneen wayituma kanatti gaaffiilee mirgaa dhiheessan keessaa:-

  1. Barattooti Oromoo badiin tokko malee University adda addaa keessaa hidhaman haal duree tokko malee amma irraa akka gadi lakkifaman.
  2. Hidhamtooti Oromoo bakka hundatti sababaa ABO deggertuun hidhaman yeroo gabaabaa keessatti akka gadi lakkifaman.
  3. Abbaan qabeenyaa fi abbaan biyyummaa ummata Oromoo akka mirkanaawu. Fi kkf gaafataa turan.

Kana irratti dabalee xalayaa labsii sochii dargagoota biyyoolessaa bilisummaa fi dimokraasiin labsame mooraa san keessatti lukkee Wayyaanee fi Wayyaanotatti hiraa akka oolan qeerroo mooraa University sanii irraa gabaafame.

Akka labsiin kun hirameen kan baaragde Wayyaaneen mooraa keessaa humnaan barattoota 50 tana qabuun gara mana hidhaa hin beekamiinitti  akka geessitee jirtu gabaasi addeessa.

Fincilli kun hanga gaaffiin ummata Oromoo deebi’utti kan itti fufu tahuu dargaggooti Oromoo mooraa University Arba-Miinci keessaa baratan beeksisuu isaanii qunnamtiin qeerroo Arbaa-Miinci irraa gabaasee jira.

INJIFANNOO!!

2 thoughts on ““Haga Barattooti Hidhaman hiikamanitti, Barumsatti Hin Deebinu!” BUA

  1. Kun oduu gaarii dha! Jabaadha qeerroo Oromiya! Raabi/Waaqa Oromoo sin faana haa ta’u; barattoota duwwaa otuu hin ta’iin Oromoonni kaanis ka’uu qabna! Haa jabaannu!

Leave a reply to Kakaasa Cancel reply