Finfinnee Barattooti Hidhamaa jiru; Fincillis Itti Fufe!

(Oduu Qeerroo, Finfinnee, Ebla 15, 2011) Diddaa ummataatiin raafamaa kan jiru, mootummaan Mallasaa humnoota isaa “Agaazii” barattoota irratti bobbaasee hidhuu fi hiraarsuu itti fufee jira. Barattootis “diddaan karaa nagaatiin taasisamu aangoo abbootii irreetti daangaa tolchuuf malee nagaa fi misooma biyyaatti gufuu ta’uu miti,” jechuun diddaa isaanii itti fufanii jiru.

Guyyaa har’aas barattooti Yunivarsitii Finfinnee kan mooraa jaha keessa baratan, humnoota tikaatiin qabamanii gara hin beekamnetti geessamaa jiru. Keessaayyuu, guyyaa har’aa, ebla 15, 2011,  barataa Abdisaa Baqaallaa,  waggaa 4ffaa History kan baratu, humnooti tikaa ukkaamsanii bakka hin beekamnetti geessanii jiran.

Haaluma walfakkaatuun barataa Geettuu Saqaataa, waggaa 5ffaa kan seera[law] barataa jiru, bakka inni barumsaa fi hojii itti shaakalaa ture, mana murtii Oromiyaa irraa qabanii gara hin beekamnetti dabarsan kanneen ijaan argan nuuf dhaamanii jiru.

Har’a ganama naannoo saatii 9:00AM irratti  immoo mooraa kiiloo 6 keessaa barataa Nagaa kan waggaa 4ffaa  barnoota muummee Poletical science baratu qabanii gara hin beekamnetti akka geessan barameera.

Humni Wayyaanee sodaan guutame baratttoota hidhuu keessa darbee humnoota isaa tikaa fi basaasaa mooraa Yunivarsitii keessatti bobbaasuun akka isaan barattoota ukkaamsan gochaa jrti. kana malees, yeroo ammaa kanatti hidhattooti Wayyaanee barattoota fakkaatanii doormii keessa akka jiraatan kan godhame ta’uun beekamee jira.

Haala kana irratti dameen Qunnamtii Qeerroo ibsa baaseen gochaa saalfachiisaa akkanaa balaaleffatee, ummati nagaa fi bilisummaaf dhaabatan martuu gochaa kana akka balaaleffatan gaafatee jira.

Ibsi qeerroo kun itti dabaluunis “waantii namaa gaddisiisu yeroo hidhattooti wayyaanee seeraan ala barattoota fakkaatanii doormii keessa galanii barattoota hidhaa fi ukkaamsaa jiranitti aangoowwan yunvarsitichaa usuun isaanii seenaa keessatti kan isaan gaafachiisuudha,” jedhee jira.

Kana malees, kanneen barattoota fakkaatanii hojii basaasummaa gaggeessaa jiran adda bahanii beekamuu isaanii kan saaxile ibsi qeerroo kun warreen gochaa jibbamaa fi abaaramaa kana irratti bobba’an yoo hojii kana irraa hin dhaabbatan ta’e, maqaa fi suuraan isaanii sadarkaa sadarkaan akka saaxilamu akeekkachiisee jira.

Hidhamuu fi ukkaamsamuu barattoota kanaan walqabatee, guyyaa har’aa mooraan kiiloo jahaa jeequmsa irra kan oole yoo ta’u, barattooti hidhaman akka hiikaman, kannneen seeraa ala mooraa mana barumsichaa keessa qubatan akka gadhiisanii bahan gaafataa oolanii jiru.

Qunnamtiin qeerroo akka gabaasetti, guyyaa har’aa naannoo mooraa 6 keessaa  keessaa akka barattooti walitti hin qabamnneef humni tikaa fi waraanni wayyaanee dhorkaa fi ariihaa jirti. Ijoolleen garuu “obbolaan keenya haa hiikaman!” jechaa jiru. Diddaa fi fincilli barattootaa kun Oromiyaa bahaa keessattis ka’ee jira; hidhaa fi ukkaamsaan illee akkasuma itti hammaatee jira.

INJIFANNOO!!

11 thoughts on “Finfinnee Barattooti Hidhamaa jiru; Fincillis Itti Fufe!

  1. Qeerroo,
    Thank you for enlightening us about the savage act of woyane. Woyane, the bruits are merciless, knowing that, I salute and you for standing the ground and move forward with action. Let your movement joined by million, please send your information across globe and demand people who wants freedom to join you.
    With out million joining you, your effort can not be successful. Therefore, update and discuss information on your face book too.each minute information on tweeter, include audio from back home( there are technologies/gadgets to be used, we shall talk about it).
    If possible, with out traitors infiltrates /join you, we may talk, all the steps and support we can offer so that the Jasmin revolution shall take place and spread like wild fire.

    I also recommend to join the rest of Ethiopian net work out there and coordinate with them and discuss with them too, all people who wants to be free must coordinate their action and play role than be spectator.

    Victory and revolution now!!!

  2. Hin rafinaa maaloo rafaat jirtu mee yaa ummata oromoo ! Hamma yoonaa wanti argisiiftan hin jiru . Lubbuu nama tokkoo illee mee gaaf tokko yaa baraarru adaraa adaraa !! . Wal haa taanu .

  3. Way forward..It is not anymore organizational struggle; it is every Oromo’s responsibility to joint in the freedom struggle.
    FREEOM IS NOT FREE!

    ****************************************
    Oromo National Movement.
    ****************************************

  4. Excellent! The movement needs to be linked/allied if not already linked and firmly allied with all the other ethnic,religious,regional groups specially Amhara students and work together in unity within diversity to iclude the the city’s residents and outlayings rural areas adjacent to Addis Abeba. Remember the fact that the v ictories of the Tunisian and Egyptian uprisings were the result of a new found unity and networkings.

    IMPOSSIBLE IS NOTHING! 🙂

  5. Link, link, link, network, network, network with all other Ethiopians rather than fighting a lonley battle. It must be a spreading social movement and popular resistance against the single and the ONLY brutal dictatorship who is the enemy of us all.

    We need to go beyond the traditional battle boundary and fight inclusively in cooperation with all the excluded and dominated. UNITY IS POWER!

  6. Thank you for ur information. keep up the good work! we will be working on how to get our voice(a you), heard among the public and all freedom fighters of the horn, and its allies! We must also work on how to get our students released soon! We should stand firm and move forward for our freedom.To ensure our independence we need to be ready to pay the ultimate price in any form.

  7. Barattoota keenya bira haa dhaabbatnu! Yeroon nuti qabnu ammuma akka isin harkaa hin baane yaa Oromo
    Ka’i yaa Oromoo ka’ii
    Har’a mitii boruu jechaa
    guyyaa irraan guyyaa lakkaawwachaa
    usuun callisuun
    Gabroomfataa hundaa keessummeessuun
    Keessaahuu wayyaaneef bitamuun
    Si haa gahuu loli
    didii fincili

    Ka’i
    Ka’i
    Ka’i yaa Oromoo Ka’iiiiiii!!!
    Ka’i yaa Oromoooooooooooooooooo!

  8. Qeerroo, jabaadhaa lubbuu du’ a hin oolleef hin sodatnu. Oromoon isin waliin jira. Oromiyaanis dargaggoosheetiin bilisoomti malee kan ala irraa eeggattu hin qabdu. Wayyaneenis kan har’ a biyyaa bulchaa jrtu dur qeerrootu bosona seenee qabsaawwaniitu. Haa jabaannu, hidhaa fi ajjeechyaan Tigree iyyuu qabsoo irraa hin hambiosne, Dargiis kufaatii irraa hin oolchine.

Leave a reply to Jabeessa Cancel reply