Barattooti Hidhaman; Diddaan Itti Fufe!

(Oduu Qeerroo, Hawaasaa, Ebla 15, 2011) Humni tikaa wayyaanee barattoota Oromoo adamsee hidhuu isaa wayita itti fufee jirutti, barattooti Oromoo immoo diddaa isaanii jabeessanii babal’isaa jiru.

Maddi Oduu qeerroo akka nuuf gabaasetti, barattooti Oromoo Yunivarsitiilee biyyattii keessa baratan doorsisaa fi hidhaadhaan hiraarfamaa jiru.

Barataa Seenaa Mararaa

Akka kanaan Yunivarsitii Arbaa Miinchi keessaa barataa Seenaa Mararaa ukkaamsanii akka hidhanii fi barataa kanas mooraa keessaa qabanii yeroo deemanitti reebicha guddaa erga irraan gahanii booda qabanii  gara mana hidhaa hin beekamnetti fuudhanii deeman.

Hidhamuu barataa Seenaa Mararaan walqabatee mooraa University Arbaa Miinchi keessatti mormiin guddaa kan ka’e yoo ta’u,   guyyaa har’aa  Ebla 15,2011 guutummaatti hiriira bahanii mirga barattootaa fi guutummaa ummata cunqurfamaaf gaafachuuf ejjennoo fudhatanii jiru.

Haaluma walfakkaatuun barattoonni Oromoo mooraa University Hawaasaa keessatti baratan hedduun qabamanii hidhaatti darbamaa jiru.

Barataa Daagim Gizaw

Haga ammaattis barattooti Oromoo jajjaboo fi qaroo sadii gaafa Ebla gaafa 13, 2011 mooraa keessaa qabamuun gara mana hidhaa hin beekamnetti fudhatamanii jiru. Barattooti hidhamnis, Barataa Sayyoo electrical Engineering waggaa 3ffaa, Barataa Daagim  Gizaawu Electrical and Computer Engineering, Barataa Gadaa Raggaasaa Vetr waggaa 5ffaa kan baratu ta’uun beekamee jira.

Yeroo hidhaan kun babal’ataa jirutti, barattooti Oromoo immoo “qabsoo irratti hirmaannus dhiisnus reebamuufi ajjeeffamuun nuuf hin oolu. Kanaaf bu’aa buusaanii wareegama gaafatu kaffaluun filatamaadha,” jedhanii jiru.

Yeroo ammaas hidhaa ummata Oromoo irratti labsame gargalchuun hawaasti marti bakka jiru irraa walqabatee akka ka’u illee Qeerroon dhaamsa dabarsatanii jiru.

INJIFANNOO!!

3 thoughts on “Barattooti Hidhaman; Diddaan Itti Fufe!

  1. Qeerro,
    galattomi, jabaadhu!Amma yeroo barattootni Oromoo duwwaa qabsaahan ta’uu hin qabu! Sab-boontotni Oromoo iddoo jirru hundaa ka’uu qabna! Yeroon yeroo wal faana kaanee, humna walii taane, bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaaf qabsoofnu ta’uu qaba. Fincila diddaa karaa nagaa duwwaa otuu hin ta’in, WBO-niis karaa waraanaa jabaachuu qaba.

Leave a reply to adisu oromia Cancel reply