Wayyaaneen Barattoota Oromoo Hidhuu fi Adamsuutti Jirti!

(Oduu Qeerroo, Jimmaa, Ebla 13, 2011) Gaaffii Ummata Oromoo deebisuu kan hin dandeenye Mootummaan Wayyaanee, baratoota Oromoo hidhuu fi ajjeessuun furmaata jedheen duula hidhaa fi ajjechaa itti fufee jira.

Maddeen oduu Qeerroo akka gabaasanitti, barattoota Oromoo hidhuu fi dararuu,ajjeessuu fi biyyaa ari’uun dhibdee siyaasa Impair biyyattiif  furmaata akka taheetti kan fudhatee mootummaan Orom-nyaataa Wayyaanee duula hidhaa jimulaadhaan dhidhanii booda ragaa itti barbaadan babal’isaa jirti.

Barataa Girmaa Xurunaa

Gaafa Ebla 7,2011 irraa eegalee barattoota Mooraa University Miizaan Teeppii rasaasaan tumuu fi kaan ammoo hidhaatti ergee akka doorsisaa fi reebichatti jiru gabaasi achii irraa nu gahe addeessa. Kana irratti dabalee barattoota barnoota Engineering n waggaa dhumaa irra jiranii fi kanneen qaroo tahan nama lama guutuu Oromiyaa keessatti  FDG kan akka biyya Egypt fi biyoota gidduu gala kaaniin Ethiopia keessatti jalqabuuf jettu kan jedhuun yakkee mooraa University Haromaya ,Hawaasaa, Jimmaa, fi University Wallaggaa irraa dhukaamsee fuudhuun mana hidhaa hin beekamnetti gara  Finfinnee akka geesse geessee jira.

Barattooti Oromoo kun:-

  1. Girmaa Turuna    university Haramaayaa waggaa 4ffaa
  2. Dachaasaa Wirtuu Mosisa University Harmaayaa waggaa 4ffaa
  3. Fayyisaa Fufaa Universiyty Wallaggaa waggaa 3ffaa
  4. Gaddisa Dhugaasaa  University Hawaasaa
  5. Tariku Baqala University Haromaaya.
  6. Magarsaa Baqalaa University Haromarya
  7. Fitum Taddasa(Biyya) University Haromaya
  8. Tolesa Farajaa University Jimmaa
  9. Tufa Baacaa University Jimmaa

Barataa Dachaasaa Wiirtuu moosisaa

Hidhamuu barattoota kanaa fi kanneen mooraa University Miizaan Teeppitti rasaasaan waadamanii Hoptala Miizaan Teeppii jiran kaan ilaalchisee Barattooti Oromoo Universitileee, Jimmaa, Finfinnee, Hawaasaa, Adaamaa,Naqamte,Dillaa,fi Ambo irraa dhaamsota kara karaa erganitti barattooti kunniin hatattamaan hin gadhiifaman yoo tahe mootummaan Wayyaanee madaa ummata Oromoo irratti gaaza firfirsaa waan jiruuf,ummati Oromoos kanaaf deebii gahaa akka kennuuf qophii tahe nuti dargaggoonni Oromoo biyya lafaatti beeksfna.

Ammas karaa biraa hidhaa fi dorsisi hiriira bahuuf jettu sababa jedhuun yunivarsitiilee garaa garaa keessatti itti fufee kan jiru si’a tahu, Yunivarsitii Wallaggaa keessatti halkan halkan ibsaa dhaamsuun barattoota guuraa akka jiran gabaafameera. Gaafa Ebla 6,2011 humnoonni tikaa Wayyaanee barataa tokko qabanii hidhuuf jedhan barattoonni iyyanii harkaa buusaniiru.

Barataa Gadaa Raggaasaa

Karaa biraa barsiisota mana barumsaa sadarkaa 2ffaa Homii jedhamu keessaa sochii dargaggoota ykn barattoota Oromoo qindeessaa jirtu kan jedhuun Oromoota warra tahan nama 8 hidhuun mana hidhaa Ma’ikelawwii Finfinnee akka geessan bira gahamee jira.Maqaa barsiisota kanaa fula dura odeessi Qeerroo ifa ni godha.

6 thoughts on “Wayyaaneen Barattoota Oromoo Hidhuu fi Adamsuutti Jirti!

  1. adamsamuun ilmaan oromoo iddooma hundatti itti fufee jira bayyeen isaaniis barumsa dhaabanii baqataa jiru yuunibarsitii finfinnee keessattis ilmaan oromoo qabamuun harka wayyaanneetti tummamanii mana yaalaa hospitaala ergamaa phaawuloos ciisaa jiru hanga harraattis bakka isaan jiran baruu hin dandeenye yeroo gaafannus namni as jiru nuun jedhu hin jiru kanaaf amma hin ajjeessan ta’ee essa akka isaan buussan hin beeknu barattootni kun hundinuu bara kana warra eebbifamaniidha adaraa kanaaf isinis hin callisinaa miidiyaa gara garaan nuuf beeksisaa.

  2. Ya warra jiruu akkam jirtu? sekeendiin daqiiqaa, daqiiqaan sa’atii, sa’atiin guyyaa, guyyaan torbee, torbeen ji’a, ji’ini waggaa, waggaan…., ta’e bakka wal buuse yerooni akkuma fardaa luugama hin qabnee wal ari’aa guluufu baay’ee na ajaa’iba. maalif seetani waggaa baay’ee waan hirribni nutti baay’atee dammaquu dadhabne rafaa turre natti fakkaata. maaliif yoo jedhame akka carra ta’e oromiyaa kallatti arfaniinuu keessaa deemee daawwadheen jira sababa hojiif deemeen jechuu koooti. maalirega gochaa suukkannessaa akkamiitu oromiyaa keessatti raawwatamaa jira isa jedhuuf jechaan ittin ibsu hin qabu. sammuu nama dhukkubsa. maaliifan dhaladhe nama jechiisisa rakkina fi gidira saba oromoo yeroon ilaalee turetti. gidiraa sabni kun keessaa jiruu jechaan ibsuuf yeroon iyyuu na hin ga’u. jalqaba irratti waa’ee tartiibaa yeroo kaaseen ture. oromoon waggaa hedduu fi jaarraawwaan darbe irraa kaasee waanjoo gabrummaa baatee namaa gadii ta’e maalummaa issatti qaana’ee/saalfatee jiraataa ture jiraatas jira. maaliifi garuu? please namni website kana bannee ilaallu hunduu dhaamsa haa dabarsinu. yeroon yeroo techno. babal’ate namni sekeendii keessatti wal quunnamuu danda’udha. addunyaa (fkn missir, libya) kanumaa fayyadamuu biyyaa isani bilisoomsani. egaa ya saba oromoo maal eegutti jirra carra kana fayyadamuu nurra hin jiruu? dubbi hin dheeressu, adaraa keessan adress WBO warri beektan email kootiin naf ergaa. Oromiyaan Ni Bilisoomti!!!!!!!!!!!

  3. hayyee akkam jirtu qopheessitoota qophii sagalee bilisummaa oromoo nageenyi badhaadhaa?egaa yeroo ammaa oromiyaa godinaalee bayyee keessatti hidhaaf ajjeechaan bayyataa jira.kanaaf dargaggessa, dargaggeetii, jaarsa,jaartiif daa’imman oromiyaaf dhamsa yartuu takkan qaba innis wayyaaneen ka bilisoomte baayyina osoo hin taane kayyoodhaani kanaaf ummatii oromoo bayyina qabu kun osoo akka wayyanee kayyoof murannoo qabatee yeroo bayyee gabaabduu keessatti bilisoomuu danda’a kanaaf yaa oromoo kaayyoo tokko qabaadhuu waliif yaadii waliif dhiigi sodaa of keessa baasi Qeerroo cina hiriirii wareegama malee biyyi bilisoomtee seenaa addunyaarratti hin jirtu love u my people let us act love

Leave a reply to BARAARA LAMMII Cancel reply