Dhaamsa Qeeroo Bilisummaa

Qeerroo Oromiyaa;

Diddaa qeerroo Oromiyaa

Dhaamsa Diddaa Qeerroo Oromiyaa

Gadaan kun kan kee ti. Gadaa kana keessatti kaatee yoo oromiyaa garbummaa jalaa hin baaftu ta’e, biyyaa fi saba garbummaan dhaale keessatti hireen darbuuf deema. Kun immoo qaanii qaanii caaluu dha. Abbootiin keenya garbummaa didanii guca bilisummaa qabsiisan har’as si waliin qabsootti jiru. Atis, guca isaan qabsiisan saniin biyyaa fi saba kee qarriffaa garbummaa jalaa baaftee gara bilisummaatti akka tarkaanfachiiftu sirraa eegu. Kana waan ta’eef, bakka jirtutti hidhannoo kee jabeeffadhu!

Akkuma beeknu, hidhaa fi ajjeechaan akkuma kaleessaa sanatti mana keetti dhufaa jira. Diinni keenya karaa maraan nu balleessee ofii badhaadhuuf nurratti hojjachaa jira. Nuti, qeerroon immoo yoo har’a didne malee biyyaa fi saba egere dhaallee dhalootaa dhalootatti lachiifnu qabaachuuf hin jirru. Kanaaf, bakka jirtitti waan dandeessu mara godhi!

Diinni keenya duula walii galaa nurratti bane jira. Ijoollee mana hidhaatti guuramaa jiran irraa akka hubannutti nu kanneen hafne illee buluu keenya beeknus, oollee keenya beekuuf hin jirru; ooluu keenya beeknus, buluu keenyaaf wabiin hin jiru. Wabiin keenya otuu falminuu du’a seena qabeessa du’uuf of-qopheessuu qofaa dha.

Odeeffannuun humnoota tikaafi basaasaa irraa nu gahaa jiru akka hubachiisutti manneen fi oolmaan sabboontota Oromoo marti hordofamaa jira. Torbee as dhufuuf jiru, keessaayyu, jimaata eegalee haga dilbataatti duulli guddaa manneen barnootaa keessatti banamuuf qophaa’ee jira. Kanaafis, humni guddaan waraanaa fi garee farra-shororkeessitotaa keessaa walitti qindeeffamanii jiru. Qeerroon kana beektee, akkuma kanaan duraatti of-eeggannoo guddaa akka gootu haata’u. Caasaa qabdan maraanis dhaamsa keessan akka miidiyaalee adda addaa gahu godha. Yoo diina harka buutan bifa kamiinuu gowwoomtanii akka odeessa keessan hin kennine.

Kaayyoon keenya kanneen abbaa irrummaan dhiiiga ummataa xuuxaa jiran dhabamsiisuu malee ummataa fi gosa kmirrattiyyuu kan xiyyeeaffattee miti. Nuti kan itti jirru, tooftaa diddaa keenyaan qabsoo keenya karaa nagaa itti fufuu dha. Hin dagatiinaa! Nuti saba kamirraayyuu diinummaa hin qabnu! Diinni keenya kanneen aangoo ummataan duruumanii dhiiga ummataa xuuxaa bara baraan jiraachuu fedhanii dha. Galiin keenya sirna cunqursaa dhabamsiisuu dha.

Qeerroo! Bifa kamiinuu sodaatti harka kennachuu hin qabdu! Otuu sodaannuu du’uun raawwatuu qaba. Yeroon du’aa jiraannus awwaalamuu qaba. Duuti sodaa illee dallaa keenya jala dhaabbatee jira. Qeerroonis gamtaa keetiin yeroon itti tulluu sodaa itti jijjigsitu ga’eeraa, ka’i!!

Qeerroo waanti guddaa ati gochuu maltu amala diina keetii beeki; jabinaa fi laafina diina keetii adda baasi.  Diinni keenya waanti inni qabu meeshaa waraanaa malee dhugaa miti. Dhugaa kan qabu nu warra qe’ee keenya keessatti dararaa argaa jirruu dha. Dhuma irratti  kan mo’atu, kan dhugaa qabuu dha. Abbootiin irree dhumaa isaanii hin argan; seenaa darbe irraa hin baran. Warreen seenaan galmeesse dhiifnee, warren kaleessaa yoo mil’anne kabajaa caalaa salphinaan aangoo irraa bu’uu warra filatanii dha. Haga fedhan kijibanis dallaan kijibaan ijaarratan du’a isaan hin oolchine. Dhugaaan karaa qal’aa keessaan hulluuqxee isaaniin fuutee darbite, bittaa wayyaanees buqqisuuf jirti; jabaadhu!!

10 thoughts on “Dhaamsa Qeeroo Bilisummaa

  1. Qeerroon wabii ummata oromoo halagaan bara dheera dhiitameef furmataa fi fala dha innis qeerroon oromoo yoo tokko ta’eef wlii galee duwwa dha.itti dabalees qeerroon egeree mootummaa ummata orommo dhaabatuuf utubaa dha kanaaf nuti gochaa motummaan halagaa nu irra geessisneen biyya ambaa yoo jiraatame iyyuu gama danada’amuun siin cinaa dhaabachuun dirqama dha jabaadhaa.mootumma wayyanee galagalchuuf gama hundaan jabaachuu dha
    ammaaaf nagaatti
    john
    australia melbourne irraa

  2. Ya qaabsoo qeerroo !Utuba jireenyaa!ni birmata gaafa roorroo!Utubaa jireenyaa!Abdii keetin teenya!Wal qabanne galma qabsoo geenya!Kanaaf maaliif cal jenne teenya!Nutu wal bira jirra!Garaa diinatti eeboo dirraa!Oromiyaan tokko taati!Qeerroon bu’ura bilisummatii!Kanaaf itti nu fufaa!Diinatti karra cufaa!Farda keessaniin gulufaa!Inni bahhafi dhihaa ol kaanee!Inni kibbafi kaaba jabaannee!Ni bilisoomna yoo tokko taanee!nagaatti!qeerranso lammiiti!

  3. nutii hin dhifnu wala’ansoo!anis ka’ee qeerransoo!atis jabadhu jabeessi qabsoo!amma yoomitti garboonaa!harka alagaan dhumnaa!wal qabanee diina tumnaa!maaliif wal gurgurraa?!odeeffannoo horma hirraa?tokko tokko maqaa ofi jijjiraa!mana hidhaatti gidirraa!bay’inni keenyaa maal fidee!?oromoon sila walii galu didee!waaqnis matta’a fudhatee!nuy badheettinu gatee!nuy harki isaa nu hin uumnee!harka alagatti dhumnee!qeerransoo lammii

  4. yaa dargaggoo oromoo diinni qabeenya keenya saame fixu jira hanga yoomitti cal’ifnee ilaalla.wal qabannee irree tokko taanee hidhannoo keenya jabeeffannee fincila diddaa gabrummaa walitti dhaabnee osoo finiinsine ji’a tokko keessatti biyyatti teenya harmee oromiyaa diina harkaa fuunee ni too’annaa turre.garuu rakkoo keenya guddaan leenca oromoo kan diina dura dhaabbatee qabsoo oromoo finiinsu dhabuu keenya.

  5. Qeerroon bilisummaa oromoo yeroo amma kana universitilee adda addaa keessatti fincila diddaa gabrummaa godhaa jira.akkasumas onoota oromiyaa keessatti tarkaanfii adda addaa fudhachaa jiru.haalli adeemsa isaanii baay’ee nama gammachiisa.nutis oromoonni biyya alaa jirru deeggarsa barbaachisuu godhuufi qabna. rasaasa tokko malee diina dura dhaabbatanii diddaa gabrummaa argsiisaa jiru.
    Qabsaawan ni kufa qabsoon itti fufa. Ugandan Kampala irraa.

  6. Gallatoommaa yaa ilmaan oromoo assoo meeshhaa hin Qabbatin diinna durra dhabbachuu kessaniif jabbaadha jabbadhaa rabbiin issin wajin haa dhabbatu.rabbiin issin haa garrgaaruu issin jedha, annin bashiir hussein harchuma kakumaa iraa,walaloo didaa gabrumaa tanna Qabba,biyyi uma raffaa an raffudadhabee hawiin anin qabbu billisummaa dhabbee,gallanni yoo guuttu damballii facaassa yaa. Ummata orromoo diinna offirraa kaasaa,gallani yoo guutte dammbalii facaasa cinnlnadhaa kassaa wayyaanee hidda fiixaa issaa cinninadhaa baassaa diinna Albaassisaa

Leave a reply to BARAARA Cancel reply