Gochi Shororkeessitoota Waayyaanee Daran Babal’achuun Lixa Oromiyaa Magaalaa Naqamtee Jeeqaa Jiran

Bitootessa 20,2016
Haalli Magaalaa Naqamtee Kan sodaachise humni waraanaa daran dabalee uummata nagaa dhowwaa jira.Konkolaatonni haaraan waraana oliif gad imalchiisan illee heeddummachaa jiru.eegumsi keessumaa naannoo boordiifii marffataafaatti humnaa ol jabaatee jira. Fincilli xumura garbummaa magaalaa naqamtee keessatti jabaachuurraan kan ka,e mootummaan gabroonffataa Wayyanee boqonnaa dhabuurraan uummata nagaa goolaa jiraachuu maddeen keenya achirraa arganne ifa godhu.Humni kora bittinneessaa fi makkalaakiyyaa jedhamanis baratoota karaa nagaan gaaffii mirgaa gaafatan irratti aarra ija imimaannessu gadhiisuu,reebuu fi gara mana adabaatti guuraa jiraachuu Qeerroon gabaaseera.

1 thought on “Gochi Shororkeessitoota Waayyaanee Daran Babal’achuun Lixa Oromiyaa Magaalaa Naqamtee Jeeqaa Jiran

  1. Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 (March) | OromianEconomist

Leave a comment