Bitootessa 21,2016/ Maqaaleen armaan gaditti tarreefaman kunniin gootota barattoota Yuunibarsiitii Finfinnee keessaa qabamanii yeroo ammaa kana mana hidhaa keessatti gidirfamaa jiranidha.
Qeerroon barattootni kunneen 49 ta’anii hidhamanii kan turan 20 mana hidhaa Wayyaanee keessatti kanneen hafani tahuu Qeerroon gabaasa. Jarreen kun xalayaa seeraa of harkatti qabachuun waraqaa dhaadannoo fi uffata adii kan nageenya mullisu uffachuun iimbaasii Ameerikaa fuulduratti sagalee diddaa isaanii waan dhageessisaniif qofa qabamanii hidhaman.
Dhaadannoon isaan dhageessisaa turanis;
- Mirga dhabuu uummata Oromoo
- Ajjeefamuu fi yuunibarsiitii irraa ari’amuun akka dhaabbatu
- Dachee fi qabeenya Oromiyaa harka duureyyii qonnaan bultoota irraa fonqolchuun kennuun akka dhaabbatu
- Kiraan lafaa olka’e qotee bulaa irraa akka dhaabbatu
- Beektonnii fi barattootni Oromoo mana hidhaatti gidirfamaa jiran akka hiikaman
- Digirii baatanii dhagaa baachuu fi soquun akka dhaabbatuu, walumaa galatti gidirfamnii fi cunqursaa lammii Oromoo irraa akka mulqamu sababa gaafataniif gidirfaamaa jiru.
Kan jedhu ture.
Yeroo ammaatti barattooti hidhaa keessatti gidiraa argaa jiran keessaa warra armaa gadii ta’uu Qeerroon gabaasa:-
| Lakk | Maqaa guutuu | Department |
| 1 | Sooressaa Damee | Enjiner 5th year |
| 2 | Bilisummaa Biraanuu | Economics 2nd year |
| 3 | Guddinaa Tasfaayee | Mgt 2nd year |
| 4 | Asheetuu Darajjee | Economics 2nd year |
| 5 | Dabalaa Fayisaa | English 4th year |
| 6 | Battee Lammii | Maths 2nd year |
| 7 | Alamuu Olaanii | Economics 2nd year |
| 8 | Gammachuu Kabbadaa | A/oromo 1st Year |
| 9 | Ahimed Mohaammed | Electrical enginer 5th year |
| 10 | Insarmuu Boggaalee | Acconting 3rd year |
| 11 | Ijjiguu Qabataa | Economics 2nd year |
| 12 | Shallamaa Gammachuu | Economics 2nd year |
| 13 | Gammachuu Haayiluu | >> |
| 14 | Marshaa Baayisaa | >> |
| 15 | Tasfaayee Geetuu | >> |
| 16 | Tarreessaa Ashakaa | >> |
| 17 | Tasfaayee Mokonnon | >> |
| 18 | Daani’eel Abdiisaa | chemistry |
| 19 | Guutaa Baayisaa | chemistry |
| 20 | Biraanuu Badhaadhaa | Adiministration |

Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 (March) | OromianEconomist