Godina Wallaggaa Aanaa Waamaa Hagaloo Keessatti Kaabinooti Ragaa Sobaan Dargaggoota Oromoo Yakkaa Jiru.

Amajjii 26,2016 Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa Waamaa Hagalootti fincila xumura garbummaa adeemsifamaa jiruun ilmaan Oromoo irratti kaabinooti OPDO wal ijaaruun mana murtii aanichaatti ragaalee sobaa funaanuun yakkaa jiru,kanneen keessaa:-

1 Siwayyaa Rabbumaa
2 Fayyeeraa Waaqumaa
3 Guutamaa Dheeressaa
4 Barsiisaa Olumaa
5 Moosisaa Tarfaa
6 Mulaatuu Addunyaa
7 Taajuu Daawud
Yeroo ta’an,ragaa kanas

Baala tuufoo ABO nuuf wayya nuufoo
Lafee keenya malee lafa keenya hin laannu
Buraayyuun laga xaafoon keenya finfinneenis keenya faayidaa irra argachuu qabna jechaa dhaadachaa fi sirbaa turan jechuun namoota armaan gadii kana irratti ragaa ba’aniiru

1 Geetuu Baqqalaa
2 Dirribaa Waaqumaa
4 Ibraahim Aagaa
5 Gannatii Sanbatoo
6 Kaalid Abduu yeroo ta’an, namooti mootummaa kufte kana jalatti taa’umsa eeguuf ragaa sobaa bahuuf jedhan kana irrattis tarkaanfiin uummataa Barsiisaa ta’e akka fudhatamus beekameera.

Mootummaan kufe biyya maqaletti yeroo galu isaan diinaaf suphaa ta’an immo bor waan isaan dhibuuf gocha akkasiirra akka of qusatan jechaa himatamtoonni kun beellama itti aanutti ragaa faccisaa akka dhiyeeffatan ajajmaniiru

1 thought on “Godina Wallaggaa Aanaa Waamaa Hagaloo Keessatti Kaabinooti Ragaa Sobaan Dargaggoota Oromoo Yakkaa Jiru.

  1. Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 | OromianEconomist

Leave a comment