Amajjii 24,2016 Yeroo ammaa kana Barattoonni digadamii lama mana hidhaa ykn karchallee Wallaggaa Bahaa jaatoo naqamtetti yeroo argaman Barattoonni sadii fi qonnaan bultoonni lama humna tikaatiin achi buuteen isaanii dhabame.
Barattoota keessaa
- Caalaa Bantii Nagarii
- Misgaanuu Addunyaa Bantii fi
- Dassaalenyi Eebbisaa yeroo ta’an,
Qotiisaan bultoota lama kan hidhattoota isaanii turan uumataaf aantummaa agarsiiftan maqaa jedhuun hidhannoo hiikkachiisuun erga qabanii kan ukkamsan Baatilee Warqinaa Biluu fi Tasfaayee Warqinaa obbolaa lamman yeroo ta’an, Obbo Baatileen umurii ijoollummaa isaatiin waraana dargiin hirmaachise irratti qaama hir’uu kan ta’aniifi dhukaasanii qal’aa kan kutan waan ta’eef, wayyaaneen uummata daguuguuf karoora waan qabduuf namoota tarkaanfii ishee deebisuu malanii fi hawaasa biratti dhaga’aman dhabamsiisuun uummata shororkeessuuf badii dalagame ta’uu qeerroon addeessee jira
Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 | OromianEconomist