FXG Matahaaratti Amma Gaggeeffamaa Jira, Uummanni Kaabinoota, Ergamtoota Diinaa Irratti Tarkaanfii Fudhataa Jira

FXG godinaalee Oromiyaa fi naannolee biroottis akkuma itti fufetti jira.  Matahaaraatti FXG Har’a Amajii 8,2016 Bulchiinsa magaala Matahaaraa sa’a kanatti reebamee miidhaan irra gaheera.
Bulchitootni aanichaa marti uummataan reebamee jira. Manneen bulchitootaa fi waajjiraaleen mootummaa hunduu gubataa jiru.
Akka odeessi amma nu gahe ibsutti uummanni keenya ijoollee isaa waliin bahee amma mootummaan wayyaaneen nun bulchuu, barri gabrummaa
nurraa haa gahu, barataan keenya mana hidhaa keessa jiru haa gadhiifamu, dararamnee hin jiraannu mootummaan abbaa irree wayyaanee
gabroonfataadha, waraanaaf hin jilbeenfannu, jechuudhan amma dhaadannoo dhageesisaa jiru. Uummanni qe’eetti hin hafne kaabinoonni
wayyaanee uummataan reebamaa jiru kaan ammoo lubbuu isaanii baafatanii baqataa jiru. Poolisiin dhukaasa bane baqate. FXG itti fufa!

1 thought on “FXG Matahaaratti Amma Gaggeeffamaa Jira, Uummanni Kaabinoota, Ergamtoota Diinaa Irratti Tarkaanfii Fudhataa Jira

  1. Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 | OromianEconomist

Leave a comment