Har’a Mudde 30,2015, Goodina Horroo Guduruu Wallaggaa Magaalaa Obarraa keessatti jabaatee itti fufee akka jiru maddeen keenya gabaasaniiru.
Barattootni Mana Barumsaa sadarkaa 1ffaa fi Qophaa’inaa Amuruu ganama irraa jalqabuun mormii isaanii dhageessisaa oolaniiru. Mormii guyyaa har’aa geggeeffame irratti Goototni barattoota Oromoo Manneen barumsaa sadarkaa 1ffaa fi qophaa’inaa Amuruu Karaa guddaa gara Magaalittii seensisu cufuun balaaleffannaa isaanii dhageessisuu kan jalqaban yommuu ta’u, balaaleffannaa jechaa gara handhuura Magaalittiitti kan dhufan yommuu ta’u, Poolisoonni Wayyaanees barattoota irratti reebicha gara jabeenyaa kan raawwatan ta’uu isaanii maddeen keenya gabaasaniiru.
Humnoonni tikaa Wayyaanee aara ija boossisu uummataa fi barattoota irratti dhukaasuun barattoota hedduu kan reeban yommuu ta’u, Barattoota hedduu hammi isaanii hin beekamnes hidhuun reebaa akka jiran beekameera. Yeroo barattootni Oromoo fi sabni Oroomoo FDG cimsee geggeessaa jiru kanatti Bulchiinsi Magaalittii (Magaalaa Obarraa) Qabsoo Oromoo dhaamsuuf guyyaa guyyaan walgahii jechuun uummata yaamaa kan jiru yommuu ta’u, Uummatni Oromoo Magaalittiifi naannawa ishees walgahii nuffisiisaa Wayyaanee lagachuun diddaa isaanii agarsiisaa akka jiran maddeen gabaasaniiru. Hawaasni Oromoo Magaalittii fii Aanaa Amuruu keessa jiran qabsoo keenya bilisummaan alatti humni dhaabuu danda’u hin jiru jechuun qabsoo isaanii cimsanii itti fufuuf keessa keessaan marii guddaa geggeessaa akka jiran maddeen keenya gabaasaniiru.
Pingback: Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Magaalaa Obarraa Keessatti Diddaan Jabaatee Itti Fufee Jira | Dhaamsa Ogeettii
Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa FDG Oromiyaa | OromianEconomist