Mudde 21/2015 Warraaqsii Biyyoolessaa Oromiyaa FDG Godina Horroo Guduruu wallaggaa Aanaa Jimmaa Gannatii Magaalaa Haratoo keessatti Gootota Qeerroo Barattootaa Oromoo M/B Haratoo sadarkaa 2ffaa,Qophainaa fi sadarkaa 1ffaa, Barsiisota ,Hojjettootaa fi qonnaan bultootaan daran Jabaachuun itti fufe.ilmaan Oromoo 4 rasaasaan madaa’an.
Hanga gaaffiin Mirga abbaa biyyuummaa, gaaffiin karaa nagaa fi dimookiraatawaa taeef deebiin sirnaa kennamutti Warraaqsii keenya itti fufa jechuun Goototni Oromoo godina horroo Guduruu guyyaa haraa Warraaqsaa gaggeeffama jiru daran jabeessuun itti fufuun, labsii waraanaa kan Mootummaan Wayyaanee EPRDF Uummata karaa nagaa falmatu irratti labse gadi jabeessuun balaaleffatan. Mootummaan atattamaan ajjeechaa , hidhaa fi shororkeessaa nurraa dhaabuu qaba, kanneen hidhaman attattamaan gadhiifamu qabu, kanneen wareegamaniif mootummaan gaafatamuu qaba, waraannii nurraa kaafamu qaba jechuun warraaqsaa ganama irraa eegaluun finiinsuutti fufan.
Mootummaan Wayyaanee akkuma amalasaa human waraanaa guddaa uumatatti bobbaasuun namootni 4 rasaasan madeeffamuu fi namootni lama lubbuun haala sodachisaa keessa jiraachuu madden keenya gabasan. Yeroo amma kana Magaalaan Haratoo Dirree Waraanaa Fakkaatti.
Daandiin konkolaataa Shambuu gara haratootti Geessuu fi Haratorraan gara Fincaaaatti geessuu bakkoota hedduutti cufamee jira gabaasaan itti fufa.
tokkummaan saba koo furtuu bilisummaa koo ti, warraaqsi uummataa shaambuu furtuu bilisummaati! jabaa dha, jajjabaa dha ! tokko yoo taane,…….malamatummaan nu seentuu, ormaaf harka laannuu!
Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa FDG Oromiyaa | OromianEconomist