Mudde 12/2015 Godina Kibba Lixa Shaggar Magaalaa Walisoo fi Baadiyyaa walisootti Warraaqsii Biyyoolessa Oromiyaa FDG jabaachuun itti fufe,Addatti Qonnaan Bultootni Walisoo Aanoota akka wancii, Roggee, fi Ammayyatti warraaqsii Haalan jabaachuun itti fufe. Waraanni Agaazii fi humni ittisa biyyaa uummata irratti waraana banuun guyyaa kaleessa hanga har’atti namootni 7 Wareegamuun mirkanaa’ee jira. Guyyaa
kaleessa sa’a booda irraa eegaluun network balleessuun uummata Baadiyyaa walisoo Irratti waraanni baname. Kanneen madaa’an lakkoofsaan hedduu ta’uu fi kanneen wareegaman hedduu ta’uu ibsuun, hanga ammatti namootni 7 wareegamuun ibsame. Guyyaa hardhaas Warraaqsii jabaachuun itti fufee jira…gabaasaan itti fufa.