Gabaasa Qeerroo Mudde 08,2015
Guyyaa har’aa akkuma duratti gabaafne hiriira mormii sirna Wayyaanee magaalaa Tullu Boolloo keessatti ooleen barsiisaan Fiiziksii kan ta’e Girmaa Caalaa Lataa rasaasa Wayyaaneen rukutamee haalaan madaawee jira. Kana irratti ammo mana barumsaa Sadarkaa 2ffaa Tullu Boolloo irraa barsiisoti hidhaman keessaa;-
- Barsiisaa Girmaa Caalaa haala hamaan kan rukutamee hosptala jiru.
- Barsiisaa Alamuu Itichaa_Daarektera Mana barnoota sadarkaa 2ffaa
- Barsiisaa Tasfayee Saaqaa
- Barsiisaa Geetuu
- Barsiisaa Bahaaruu.
Yoo ta’an Girmaan reebicha hamaa kaabinota Aanaa Bachoo Sorsaa Cirrii fi Qanaasaa dhan irraa gaheen Hospitaala haala hamtuu irraa jiraa.
Kana malees hiriira Mormii Aanaa Iluu magaala Asgorii fi Tajii ti ta’een namoonni hidhaman
- Barsiisaa Girmaa Daamxoo
- Saadaa Mootii – jiraataa magaala Tajii
- Naa’ol Dibaabaa – Jiraataa magaala Tajii.
- Barsiisaa biraa kan maqaan nu hin gahin Asgorii irraa.
Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa FDG Oromiyaa | OromianEconomist